Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Amhaaraa Bakkoota Garaa Garaa Keessatti Waraanni Jiraachuu Jiraattoonni Godinaalee Goojjam Himan


FAAYILII - Miseensota waraana Itoophiyaa naannoo Ayikeliti, Goondar, Naannoo Amaaraa Gurandhala 27, 2024.
FAAYILII - Miseensota waraana Itoophiyaa naannoo Ayikeliti, Goondar, Naannoo Amaaraa Gurandhala 27, 2024.

Mootummaan Itiyoophiyaa hidhattoota naannoo Amhaaraa keessa socho’an irratti tarkaanfii fudhachuu jalqabeera jechuu isaa hordofee naannicha keessatti bakkoota garaa garaa keessatti waraanni jiraachuu jiraattoonni Godinaalee Goojjam himan.

Naannoo Amhaaraa Godina Goojjaam Lixaa fi bahaa keessa kan jiraatan namoonni yaada isaanii sagalee Ameerikaaf kennan torbaan darbe dhumarraa kaasee hnga har’aatti qaamooleen hidhatanii fi mootummaan wal waraanaa jirachuu fi sagalee dhukaasaa akka dhaga’an himaniiru . Namni Aanaa Degaa Daamoot magaalaa Feres beet jirachuu himanii fi maqaan isaanii akka dhahamu hin feene tokko Torbaan darbe dhumarraa kaasee hanga Wiixata har’aatti sagalee dhukaasaa dhaga’aa akka jiran himaniiru. Namni biraan Godina Goojjam bahaa, Mooxaa Qaraaniyoo jiraatanis haaluma wal fakkaatuun torbaan darberraa kaasee gandoota naannoo isaanii jiran keessatti looli taasifamaa jiraachuu sagalee Ameerikaatti himaniiru.

Karaa biraatiinimmoo Godina Gondor Lixaa Aanaa Matammaa keessatti torbaan darberraa jalqabee namoonni Jumilaan hidhamaa akka jiran namni maqaan koo akka hin himane jedhan tokko sagalee Ameerikaatti himaniiru. Akka yaada nama kanaatti abbpootii qabeenyaa dabalatee namoonni garaa garaa ajaja mana murtiitiin alatti hidhamaa akka jiranidha.

Bakka buutuu Komishinara Komishii mirga namoomaa Itiyoophiyaa kan taate Raakeeb Mellesee walakkeessa ji’a Fulbaanaa irraa jalqabee Gondar, Baahirdaarii fi bakkoota biroo naannicha keessatti mootummaan maqaa seera kabachisuu jechuun hidhan namootarratti raawwachaa jiru seera akka qabaatu gaafataniiru. Mootummaan naannoo Amhaaraa fi Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa torbaan darbe Kibxata ibsa waliin kennaniin hidhattoota Faannoo irratti tarkaanfii fudhachuu jalqabneerra jechuun isaanii ni yaadatama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG