Xurree ittiin seenan

Breaking News

Xumura Torban Kanaa Koolu Galtoonni 230 Odola Girikii Keessaa Dhaqqabuun Gabaasame


FAAYILII - Godaantota bidiruudhan imalarra jiran, Griik, Hagayya 27, 2022.
FAAYILII - Godaantota bidiruudhan imalarra jiran, Griik, Hagayya 27, 2022.

Xumura torban kanaa godaantonni 230 ta’an yabala xiqqoo dhaan galaana Mediteraaniyaan qaxxaamurani Kaaba Afriikaa irraa gara odola Girikii gama kibbaa Kireetee-tti ce’anii jiran.

Odolli gama kibbaa kun bara kana godaantota Liibiyaa irraa imala balaa qabu geggeessuun garba Meditiraaniyaanii qaxxaamuranii balaaf saaxiluuf bakka ijoo ta’ee jira. Mootummaan Giriiki wiirtuuwwan adeemsa godaantotaa kan mootummaan maallaqaan deggeru angawoota Kireetee gargaaruuf yaadaa jira.

Liibiyaa irraa qaxxaamuruun bakka sana dhaqqabuuf yoo xiqqaate guyyaa lama fudhata. Namoonni kurnaa ol ta'an bidiruuwwan dhuma torban darbee gara Kereet gahan, garee seeraan alaa nama deddeebisan keessa jiru jedhamuun shakkamanii to'annoo jala oolaniiru.

Angawoonni Girikii akka jedhanitti lola Libaanonii fi Gaazaa keessaa dheessuu dhaan baqattoota hedduun gamas dhaqqaban dabalaa adeemuuf of qopheessaa akka jiran himaniiru.

Godaantonni Kireetee dhaqqaban martinuu akka jedhanitti andaara galaana Liibiyaa Tobruk irraa ka’uu isaanii fi namoota seeraan ala nama deddeebisaniif tokko tokkoon isaanii Yuuroo 9,000 kaffalan. Jimaata darbe godaantonni Kireetee dhaqqaban 100 ol ta’uun gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG