Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanni Israa’el Wixata Kaleessaa Bakka Hamaas Qabatee Jiru Kan Guutummaa Gaazaa Irratti Fuuleffachuun Haleellaa Raawwachuu Isaa Beeksise


Yaadannoo guyyaa haleellaa Hamas Israa'el keessatti geggeessee, Kibutzi Reeyim, Israa'el, Onk. 7, 2024.
Yaadannoo guyyaa haleellaa Hamas Israa'el keessatti geggeessee, Kibutzi Reeyim, Israa'el, Onk. 7, 2024.

Waraanni Israa’el Wixata kaleessaa adda waraanaa lamaan haleellaa qilleensaa irraan kan raawwate yoo ta’u, qabiyyee Hamaas kan guutuu Gaazaa keessaa fi loltoota Hezbollaah Libaanon keessatti argaman irratti kan qiyyaafate yoo ta’u, erga Hamaas I sraa’el gama kibbaa haleelee waraanni yeroo ammaa guutummmaa naannoo sanaaf sodaachisaa ta’e ka’e waggaa tokko guute.

Gaazaa keessaa qiyyaafati jiru bakka Hamaas irraa Rookkeettii furguggisu of keessaa qaba. Hamaas Wixata kaleessaa magaalaa guddoo lammataa kan taate Tel Aviif fi naannoo daangaa Kibba Israa’el cina jirutti rookkeettii dhukaasuu isaa beeksise.

Israa’el akka jettetti Tel Aviiv fi giddu galeessa Israa’el keessatti saayireniin kan dhaga’ameef dhukaasaa Gaazaa irraa dhuka’eef deebii kennuuf jecha. Waraanni Israa’el Wixata ganama bari dugdee Gaazaa kibbaa naannolee afur keessa kanneen jiraatan gara gargaarsi namoomaa jiru jedhamu andaara al-Mawaasiitti akka adeeman itti himuu dhaan gocha shorokeessummaa Hamaasiin raawwatamuuf humna cimaa ta’een deebiin kennama jedhee jira.

Jiraattonni Gaazaa gama kaabaas gamasii akka ba’an ajaji kan itti kenname yoo ta’u, Tokkummaan Mootummootaa akka jedhetti ajaje sun lammiiwwan Faalsxiin 400,000 ta’an gara al-Mawaasii kan duruu namaan guutametti akka deeman dhiibbaa irra kaa’e. Libaanon gama kibbaa keessaa, waraanni Israa’el akka jedhetti jeettiiwwan isaa mannii Hezbollaah 120 haleelan. Keellaaleen Hezbollaah kan biyyattii gama bahaa sulula Beeqaa keessaas irratti fuuleffatameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG