Namoonni godaanuuf fedhii qaban karaa namoota seeraan ala nama deddeebisanii fi dallaalaan socho'uuf sababiin tokko hin jiru jechuun Daarektarri Olaantuun Dhaabbata Godaantota Addunyaa (IOM) Eemii Poopi dubbatanii jiru. Namoonni karaa nageenya qabuu fi kan idilee ta’een akka socho’an gochuuf hojjachuu qaban kanaafis sababaan biyyoota galoo galaanaa keessa carraa gaarii kan jireenyaa fi hojii akka jiru beekna jedhan.
Yaa’ii gamaaggama naannoo kan bara 2024 magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiru cinatti sagalee Amerikaatti kan dubbatan Daarektarri Olaantuun kun daandiin gama Bahaa kan Gaanfa Afrikaa irraa ka’uun gama Yamananiin giddu galeessa bahaatti imaluu fedhan balaa guddaaf saaxilamaa jiru jedha.
Imala gara iddoo birootti gaggeeffamuu caalaa isa kanaan namoota miidhaan irra ga’aa jiru baay’ee ta’uu ibsan. Ta’uus garu xiyyeeffannoo guddaa akka hin argannes dubbatanii jiru.
Forum