Godina Wallaga Lixaa Aanaa Beeggii fi Qondaalaa akkasumas Godina Qeellam Wallaggaa Aanaa Sayyoo Walal keessatti humnoota mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti walitti bu’insa uumameen guyyoota sadan darban keessatti namootn jaha ajjeefamaniiru jechuun jiraattonni himan. Namoonni kunneen kan ajjeefaman WBO yeroo bakka jiran duubatti deebi’anii booda humnoonni mootummaa tarkaanfii fudhataniin jechuun ibsaniiru. Dhimma kana irratti hooggansa naannoo Oromiyaa Fi sadarkaan jiran dhimmichi ilaallatu irraa deebii argachuuf yaaliin taasisne har’aaf hin milkoofne.
Forum