Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tajaajilli Paasportii Itiyoophiyaa Gara Waggaa Kudhaniitti Akka Dheerachuuf Jiru Waajirri Immigireeshinii fi Lammummaa Biyyattii Beeksise


(suuraa faayilii)
(suuraa faayilii)

Paasportiin Itiyoophiyaa keessatti kennamuu yeroon inn itti tajaajiila irra itti oluu danda’uu waggaa 5 irraa gara waggaa 10tti guddachuuf akka jiru waajirrii Immigreeshinii fi lammummaa beeksisee jira.

Daayreekteerrii dhaabbatichaa Aaddee Salaamaawitti Daawwit har’a oduu gabaastotaaf ibsa kennaniin baatii tokko booda kan jalqabamuu akkaataan hojii haaraan paasportiin kennamuu waggaa 10f kan tajaajiiluu ta’aa jedhan.

Kunis lakkoobsa namoota paasportii isaanii haareessanii fi baasii maallaqaa dabalatee rakko hedduu hanqiisa jedhan.

Waajiirri isaanii akkaataa hojii foyyeefameen waggaa kana keessa manaa gara manaatti deemuun tajaajiila hojii paasportii kennuu akka jalqabuus ibsanii jiru.

Tajaajillii biraa hojii irra oluuf jedhuus paasportii gama Eeleektroiniiksii ykn Dijitaalaan kennuu yoo ta’u kunis baatii muddee dhufu dhuma irratti jalqababa jedhan.

Ibsa har’a kennan kanaanis yeroo ammaa kanneen paasportii gaafatan torban lamaa qabee hanga ji’a lamaa giddutti akka argataa jiran dubbatan.kanneen paasportii dhimmi hatattamaaf barbaadan immoo guyyaa tokko hanaga guyyaa shanii keessatti keessumeessamaa jiru jechuun aaddee Salaamaawwit Daawwit dubbachuu isaanii Gabra Mikaa’eel Gabra Madhin Finfinnee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:57 0:00
More
XS
SM
MD
LG