Xurree ittiin seenan

Breaking News

Isiraa’el Halleellaa akka Haaraatti Gaazaa Naannoo Jabaliyaatti Taasisaa Jirtuun Lammiileen Paalastiin 50 Taäan Ajjeefaman Jedhame


 Isiraa’el Halleellaa Naannoo Jabaliyaatti geggeesiten gamoo kufe jala zeroo nama baasuuf zaalan, Onk. 15, 2024
Isiraa’el Halleellaa Naannoo Jabaliyaatti geggeesiten gamoo kufe jala zeroo nama baasuuf zaalan, Onk. 15, 2024

Humnoonni Israa’eel guutummaa Gaazaa keessatti Kibxata har’aa qofa yoo xiqqaate lammiilee Paaleestiin 50 ta’an ajeesuu angawoonni paaleestiin yommuu ibsan, akka haaraatti naannoo Kaaba Gaazaa Jabaliaayn marsuu isaanii hordofee Kibxata har’aa Jabaliyaa keessaa bakka AlFaluujatti halleellaa raawwatteen yoo xiqqaate namoonni 17 ajjeefamaniiru. Namoonni Kudhanimmoo Baha Kihaan Yunuus Banii Suhaayilaa keessatti ajjeefamaniiru.

Ganama har’aa kana qarqara magaalaa Gaazaa Saabiraa keessatti manneen jireenyaa Sadii irratti halleellaa humnoota Israa’eeliin raawwatameen hojjettoota gargaarsaa yeroo ariifachiisaan namoonni lama kan baafaman yommuu ta’u kanneen 12 ta’an manneen jireenyaa sadan kana keessa jiru ture jedhamanimmoo barbaadamaa jiru.

Ministirri fayyaa Gaazaa Kibxata har’aa halleellaa Al Faluujaatti raawwatameen namoota miidhamaniif gargaarsa taasiisaa kan ture doktorri fayyaa tokko ajjeefameera jechuun ibseera. Wal waraansi Gaazaa keessatti Israa’eelii fi Hamaas gidduutti taasifamu waggaa tokko kan lakkoofsiise yommuu ta’e , tarkanfii Israa’el naannoo Jabaliyaatti akka haaraatti fudhachuu jalqabde har’a guyyaa kudhanaffaa isaa qabateera.Guyyoota Kudhan kana keessatti humnoonni Israa’eel manneen jireenyaa kurnootaan lakkaa’aman barbaadeessuu jiraattoonni himatu.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti waajjirri mirga namoomaa Kibxata har’aa ibsa baaseenimmoo haleellaa Israa’eel Kaaba Libaanoonnitti raawwatteen yoo xiqqaate namoonni 22 ajjefamaniif qorannaan akka taasifamuuf waamicha dhiyyeesseera. Haleellaa Wiixata kaleessaa Baadiyaa bakka Ayitoo jedhamutti raawwatameen namoota ajeefaman kana keessaa dubartoota 12 fi daa’imman lama akka ta’anis gabaasichi kan ifoomse.

Humni waraanaa Israa’eel Kibxata har’aa akka beeksiisetti kibba Libaanoon keessatti haleellaan raawwadheen loltoota Heezboolaah kurnootaan lakkaa’aman ajjeeseera jedheera. Gama biraatiinimmoo Israa’eel naannoo Hayifaa keessatti Sayireenoonni Akeekkachiisaa iyyaa kan turan yommuu ta’e haleellaawwan Libaanoon irraa gara Israa’eeliitti taasifaman qolachuus humni waraanaa Israa’eel beeksiiseera.

Minitirri Muummee Israa’eel Benjaamiin Neteen yaahuu ibs wiixata kaleessaa kennan keessatti Israa’eel Libaanaoon keessatti bakki kamiyyuu osoo ishee hin daangeessiin Maagaala Beeruut keesatti dabalatee tarkaanfii Heezboollaah Irratti fudhattu itti fufti jechuun dhaaddataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:57 0:00
More
XS
SM
MD
LG