Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itti Aanaan Prezidaantiin Keeniyaa Aangoo Irraa Akka Bu’aniif Himannaa Irratti Dhiyaate Balleessaa Hin Qabu Jechuun Of Irraa Falman


Itti Aanaan Prezidaantiin Keeniyaa Aangoo Irraa Akka Bu’aniif Himannaa Irratti Dhiyaate Balleessaa Hin Qabu Jechuun Of Irraa Falman
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:35 0:00

Kan aangoo irraa akka kaafamaniif himannaan irratti dhiyaate itti aanaa prezidaantiin Keeniyaa, Roobii har’aa Senetii duratti dhiyaachuu dhaan himannaalee malaammaltummaa, adda addummyaa gosaa kakaasuu fi hiriiraawwan farra mootummaa kan hiriirtonni mormii paarlaamaa biyyattii akka weeeraran taasisu qindeessan jedhamuun irratti diyaateef balleessaan kan koo miti jechuun haalan.

Kan himannaan sun kaka’umsa siyaasaati jedhan itti aanaa prezidaantii Rigaatii Gaachaaguwaan, itti aanaa prezidaantii Keeniyaa utuu hojii irra jiranii himannaan aangoo irraa ka’uu irratti dhiyaate ka jalqabaa ta’uu malu.

Dhimmi isaa garaagarummaa isaaniif Prezidaanti Wiiliyaam Ruuttoo gidduu jiru mul’inatti agarsiisa. Kan yeroo tokko hariiroo isaan prezidaantii duraanii Uhuuruu Keeniyaattaa waliin qaban rakkoo qabaatee turetti waadaa kan seenan Ruuttoon, rakkoon isa mudate akka irra hin deebi’amne waadaa seenanii turan.

Gachaaguwaan, adeemsi aangoo irraa kaasuu kun Ruuttoo dhaan mirkanaa’e jedheen amana jedhanii,seera tumtoonni ennaa murteessan soda fi dirqisiisamuu malee akka ta’u gaafataniiru.

Muddamni kun inverstereetootaa fi waaltaalee daldalaa gaanfa Afriikaa ka biroo keessaa shakkii akka qabaatan taasisa.

Seeneetiin yaada aangoo irraa kaafamuu kana raggaasisuuf sagalee caalmaa harka sadii keessaa lama barbaada.

Akka Heera mootummaa Keeniyaatti, aangoo irraa kaafamuun yoo mana maree lamaan raggaasifame hojii irra oola, haa ta’u malee Gachaaguwaan tarkaanfii kana mana murtiitti dhiyeessuun falmachuudanda’u. Isaanis kana akka itti fufan dubbataniiru.

Pirezidaantiin Keeniyaa adeemsa aangoo irraa kaafamuu kana ilaalchisee hanga ammaatti ifatti yaada hin kennine. Jalqaba pirezidaantummaa isaanii irratti itti aanaa isaanii ifatti akka hin qaanessine dubbataniiri turan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG