Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biriteen Gurumuu Naga Eegumsa Gamtaa Afriikaa ka Somaaliyaa Cimsuuf kan Oolu Paawundii Miiyoona 7.5 Gumaachite


Briteen gurmuu naga eegumsaa kan gamtaa Afriikaa Somaaliyaa keessaaf taasiste ega bara 2021 qabee gara paaundii miliyoona 77 ykn doolaara miliyoona $100 ga’ee jira.
Briteen gurmuu naga eegumsaa kan gamtaa Afriikaa Somaaliyaa keessaaf taasiste ega bara 2021 qabee gara paaundii miliyoona 77 ykn doolaara miliyoona $100 ga’ee jira.

Briteen Roobii har’aa ibsa kenniteen gargaarsi maallaqaa itti dabalaa kun kan kana duraatti dabalamee yoo ta’u kunis deggersa Briteen gurmuu naga eegumsaa kan gamtaa Afriikaa Somaaliyaa keessaaf taasiste ega bara 2021 qabee gara paaundii miliyoona 77 ykn doolaara miliyoona $100 ga’ee jira. Gurmuun kun nageenya Somaaliyaa keessaaf qooda ol aanaa gumaachaa, waaltaalee uummataa dabalatee bakkawwan ijoo ta’aniif eegumsa gochuu dhaan daandilee dhiyeessii fi bu’uura misoomaaf eegumsa akka taasisu ibsi sun dabalee beeksiseera.

Hojii waraana biyyoolessaa Somaaliyaa kan cimsu, gargaarsa namoomaaf haala kan mijeessuu fi filannoo dabalatee adeemsaawwan siyaasaaf deggersa gochuu itti fufa jedha ibsichi. Ibsichi itti fufee, Gurmuu ATMIS deggeruu dhaan, nageenya Somaaliyaa qofaa irratti utuu hin taane sabatiinsaa fi badhaadhina hegeree irratti illee investii goonaa jedha.

Somaaliyaatti ambaasaaddera Briteen kan ta’an Maayik Nitaavriaanaakis akka jedhanitti, deggersa maallaqaa kana ilaalchisuun yaada kennaniin, aadaa dhaan michoota kan ta’anii fi hin ta’in kanneen gurmuu naga eegumsaa duraanii bakka bu’an ergama isaa maallaqaan akka deggeran nan jajjabeessa. Itiyoopiyaa, Keeniyaa, jabuutii, Ugaandaa fi Burundiin gurmuu naga eegumsaa Somaaliyaa keessa sosso’aa tureef gumaachaniiru. Gurmuu hinni haaraan kan gurmuu deggersa gamtaa Afriikaa fi sabatiinsaa Somaaliyaa keessaa jedhamu AUSSOM Amajjii bara 2025 qabee kan yeroo ammaa jiru gurmuu ATMIS harkaa ergama isaa fudhachuuf jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG