Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abbaan Seeraa Magaalaa Dasee Hidhattootaan Ajjeesaman


(suuraa faayilii)
(suuraa faayilii)

Bulchiinsa naannoo Amhaaraa , magaalaa Dasseetti Wiixata dabarsine Onkoloolessa 4 bara 2017 Abbaa seeraa Magaalaa Dassee kan ta’an Obbo Muluugeeaa Kebbedee Konkolaataa Konkolaachisaa jiran irratti dhohinsa boombii raawwateen lubbuun isaanii darbuu kan ibse Poolisiin sirni Awwalcha isaanii raawwachuus ibseera. Halleellaa boombii kana eenyu akka raawwate hanga ammaatti hin beekamne. Walitti qabaa Abbootii seeraa magaalaa Dassee kan turan Obbo Muluugeetaan , dhohinsi boombii kan irratti raawwate wiixata galagala naanoo sa’aatii lamatti gara mana jireenyaa isaaniitti osoo galaa jiraniiti jechuun Komishinii poolisii naannoo Amharaatti itti aanaan kutaa Miidiyaa Komaandeer Mesaafint sagalee Ameerikaatti himanii qorannaan taasifamaa jiras jedhaniiru.

Waajjirri Komuunikeeshinii bulchiinsa magaalaa Dassee guyyaa kaleessa ibsa gaddaa fuula miidiyaa hawwaasaa Facebook irratti baaseen namoota eenyuummaan isaanii hin beekmaneen boombii konkolaataa isaanii irratti hidhame dhohuun lubbuun Obbo Muluugeeta darbuu ibseera Jechuun Daseerraa Mesfin Arraageewutu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG