Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabni Siyaasaa Mormituu Wuddib Tsinaat Tigiraay Jedhamu Miseensoonni Isaa Hidha fi Ajjeechaan Irratti Raawwatama Jedhe


Dura Taa’aa Dhaabbata Siyaasaa Mormituu Wuddib Tsinaat Tigiraay, dhaabichaa Doktar Dejen Mezgebee
Dura Taa’aa Dhaabbata Siyaasaa Mormituu Wuddib Tsinaat Tigiraay, dhaabichaa Doktar Dejen Mezgebee

Dura taa’aan dhaabichaa Doktar Dejen Mezgebee ibsa kennan keessatti keessumaa erga yaa’ii dhaaba Adda bilisa baasaa uummata Tigiraay isa falmisiisaa ta’e sanaan boodaa fi naannoo Tigiraay godina Kaaba lixaatti saamicha lafaa fi albudaa kanneen morman irratti miidhaan dhaqqabaa jiras jedhan. Doktar Dejen ibsa har’a Onkolooleessa 16 bara 2017 kennan keessatti miseensa isaanii keessaa namni tokko Ajjeefamuu fi kanneen 16 ta’anirrattimmoo midhaawwan garaa garaa dhaqqabuu fi miidhaawwan kanneenis qaama motummaa aangoo irra jiruutu geessisa jedhaniiru. Itti dabaluunis dhaabni kun ergamtuu dhaaba biltsiginnaati jedhamuun miseensota isaarra miidhaan dhaqqabaa jiraachuus ibsaniiru.

Miseensi isaanii maqaan Gebireyohaannis Haayiluu jedhamu waggaa darbe Ji’a Amajjii keessa Godina Kaaba Lixaa Aanaa Asgedee ganda Simiret keessatti bulchaa Aanichaan hidhamee reebicchi irratti raawatame erga gdhiifamee booda halkan qaamoolee eenyummaan isaanii hin beekamneen mana isaa keessatti ajjeefameera jedhan. Miseensi keenya kun osoo hin ajjeefamiin dura bulchiitoota aanichaan doorsifni irra ga’aa tures jedhan. Biyya keenya dhiisnee hin baqannu kan jedhan Doktor Dejen ibsa isaanii keessatti miidhaa miseensota keenya irra ga’eeru walitti qabne biiroo haqaaf dhiyyeessuuf jirras jedhaniiru.

Miidhaa Dhaabichi Godina Kaaba lixaa Naannoo Tigiraayyitti miseensoota koo irra ga’eera jedheef deebii kan gaafatamana hoogganaan waajjira nageenyaa Godinichaa Obbo Tesfaay Abbaadiii Godinichatti dhaabooliin siyaasaa yaada isaanii karaa nagaa akka dhiyyeeffataniif haalli mijataadha jedhanii himannichi dhugaarraa kan fagaatedha jedhaniiru jechuun Maqalee irraa Muluugeetaa Atsibahaatu gaabase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG