Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humni Waraanaa Israa’eel Aajaa Humna Waraanaa Heezboollaah Tokko Ajjeesuu Ibse


FAAYILII - Suuraa hogganaa Hizboolaa Hasan Nasrallaa, Onk.10, 2024.
FAAYILII - Suuraa hogganaa Hizboolaa Hasan Nasrallaa, Onk.10, 2024.

Humni waraanaa Israa’eel Kamisa har’aa akka ibsetti ajajaa humana waraanaa Heezboollaah kan maqaan isaa Huseen Awada jedhamu yeroo garaa garaatti Rookkeettiiwwan Libaanoon irraa gara Israa’eeliitti dhukaafamaniif itti gaafatamummaa qabu kibba Libaanoon keessatti ajjeeseera jedhe. Israa’eel Libaanoon bakkoota garaa garaatti halleellaa rawwaachaa jirtuun uummanni bakkoota sana gadhiisee akka ba’uuf ajaja kennaa jirtuun irra deebbiin namoonni Suluula Bekaa naannoo SARAAYINEE, Tamniinee fi safrii keessa jiran akka ba’an Kamisa har’aa ajaja dabarsuu ibsiteetti.

Roobii kaleessaa haleellaa Israa’eel Kibba Libaanoon magaalaa Nabatiih keessatti raawwatteen namoonni 16 ajjeefamuu fi kaantibaa magaaliitti dabalatee namoonni 50 madaa’uu ministirri fayyaa Libaanoon ibseera.

Agnawoonni Libaanoos haleellaa Israa’eel magaalaa Nabaatiih irratti raawwatte balaaleffachuun , Israa’eel maqaa garee hidhattoota Heezboollaah irrattin raawwadha jedhuun mootummaa Liibaanoos irratti xiyyeeffachaa jiraachuun ishee agarsiiftudhas jedhaniiru. Ministirri muummee Liibaanoos Naajiib Mitaakii miseensoonni mana maree magaalitti namoota haleellaa Israa’eel kibba baiyyattiitti raawwachaa jirtuun qe’ee isaaniirraa buqqa’aniif haalli gargaarsi itti kennamurratti mar’iiachaa osoo jiranii ta’e jedhamee humnoota Israa’eeliin haleellaan irratti raawwatameera jechuun balaaleffataniiru.Humni waraanaa Israa’eel gama isaan naannoo Nabatiihiitti halleellaa Heezboollaah irratti qiyyaafate taasisuu isaa ibseera.

Ministirri humna waraanaa Israa’eel Yoo’aav Galaant Kaaba Israa’eel daangaa Liibaanoosiitti imaluun daawwannaa wayita taasisaniitti Israa’eel haleellaa Heezboollaah irraatti raawwattu hin dhaabdu jedhaniiru.

Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti qindessittuun addaa dhimma Liibaanon Jiiniinee Pilaachaart Haleellaan Israa’eel Libaanoon keessatti raawwattu bu’uuraalee misoomaa namoota siivilii irratti kan qiyyaafate fi namoota siivilii

rakkoof kan saaxile jechuun qaamoleen isaan ilaallatu waraanni dhaabbatee wal dhabdichi karaa dippiloomaasii akka hiikkatuuf balbala isaanii banaa taasiisuu qabu jechuun waamicha dhiyyeessiteetti.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ambaasaddarri Israa’eel haleellaa Isra’eel raawwattu bakkoota buufata waraanaa Heezboollaah irratti kan qiyyaafatedha jechuun oduu gabaastootaaf ibsaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG