Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namni Garee Shororkeessaa ISIS Jedhamuuf Deggersa Taasisa Jedhame Naannoo Waashintanitti Mana-murtiitti Dhihaate


 Maaykil Sam Teekayee Onkoloolessa 14 bara 2024 qabee to’annaa jala jira.
Maaykil Sam Teekayee Onkoloolessa 14 bara 2024 qabee to’annaa jala jira.

Angawoonni seera eegsisan kanneen as Yunaayitid Isteetis kutaa Meerilaand keessaa nama dhaaba shorokeessotaaf deggersa taasisa jedhame irratti himannaa dhiyeessanii jiran. Kan umuriin waggaa 21 fi Hanoover, Meeriilaand keessa jiraatu Maaykil Sam Teekayee Onkoloolessa 14 bara 2024 qabee to’annaa jala kan jiru yoo ta’u, yeroo jalqabaaf kaleessa Abbaa murtii gameessa Eriin Aslaan duratti dhiyaatee jira.

Akka himannaa dhiyaatetti baatii Sadaasaa fi Ebla bara 2023 Teekaayeen yeroo hedduu poolisoota harka lafa jalaan hojjetan waliin Afriikaatti imalee garee ISIStti makamuu akka fedhu itti hime. Itti dabalees akka himannaa kanaatti Tekaayeen loltoota ISIS Somaaliyaa keessaa waliin kan wal argeef gara Somaaliyaatti imalee ISIStti makamuuf karoora akka qabu itti himeera. Tekaayeen ISIS Somaaliyaa waliin hidhata qabaachuu isaa VOAn dhuunfaan hin mirkaneessine.

Forum

XS
SM
MD
LG