Antanii Biliinkan ministirri haajaa alaa Yuunaayitid Isteetisi Kibxataa kaleessaa hooggantoota Israa’eel waliin wal arguun Gaazaa keessatti haala waraanni dhabbachuun gargaarsi namoomaa seenu irratti dhiibbaa taasisuu fi akkasumas Liibaan keessatti wal waraansa Heezboollaa fi Israa’eel gidduutti jabaatee itti fufeeru irratti ni maarii’atu jedhamee eeggama. Erga waranni ji’a Onkolooleessaa bara 2023 irraa kaasee Israa’eelii Fi Hamaas gidduutti ka’ee kasee yeroo 11ffaaf naannicha kan daawwatan Ministirri haajaa alaa Yuunaayitid Isteetisi Anatanii Biliinkan, daawwannaa isaanii alanaatiinis Ministira muummee Israa’eel Beenjaamiin Neteenyaahuu fi Ministira Humna waraanaa Israa’eel Yoo’aav Galaanti waliinis ni marii’atu jedhameera. Akkasumas Roobii boruu gara Joordaanittis imaluuf jiru.
Wayita hooggantoonni Isree’ee fi ministirri haajaa alaa Yuunaayitid Isteetsi mariii’achuuf akka jiran oduun dhaga’ameettimmoo Heezboolaan ibsa baaseen Rookkeettota Libaanoon irraa gara buufata waraanaa Israa’eel isa Tel Avaavii fi Hayifaatti argamuutti dhukaasuusaa beeksiiseera.Humni waraanaa Israa’eel immoo halleellaawwan Rookkeettii kanneen qolachuu isaa ibseera.
Ministirri Fayyaa Liibaanoon Ibsa baaseeniimmoo Kibxata har’aa humni waraanaa Israa’eel halleellaa qilleensaarraan naannoo Beeruti hospitaala mootummaa cinaatti raawwateen namoonni 13 ajjeefamuun kaneen 57 ta’animmoo madaa’aniiru.
Forum