Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abbootiin Amantaa Ortodoksii Tigiraay Sinoodoosii Ortodoksii Tigiraay haaraa hunduusuu Ifoomsan


Sinoodoosii Tigraay haaraan hundeessame
Sinoodoosii Tigraay haaraan hundeessame

Waggoota Sadiin dura Sinoodoosiin Ortodooksii Itiyoophiyaa waraana Tigiraay keessa ture deeggareera jechuun sinoodoosicha jalaa ba’uun sinoodoosii mataa isaanii maqaa Membere Selamaa Kessatee Birhaan jechuun dhaabbatanii turan abboonni amantaa Ortodooksii Tigiraay guyyaa kaleessammoo Sinoodoosii Ortodksii Tigiraay maqaa jedhuun sinoodoosii taasisuu isaanii beeksisaniiru. Sinodoosichi seera mana amantaa kiristiyaanaa haaraa baasuu fi waggoota sadiif Bitsuu Abuune MerhaaKiristoos walitti qabaa sinoodoosii Ortodoksii Tigiraay ta’aniiruus jedheera ibsichi. Magaalaa Aksuumitti wal ga’ii guyyoota sadiif taasifanneen murtee kanarra geenyeerra kan jedhe ibsichi Biyya keessattis ta’e biyya alaatti sinoodoosiin Ortodoksii Ityoophiyaa , Sinoodoosii Ortodoksii Tigiraay gidduu seenuu akka dhaabdus jedheera.

Dhimma kanarratti Sinoodoosii Ortodooksii Itiyoophiyaa irraa deebii argachuuf yaaliin taasifne hin milkoofne. Sinoodoosiin ortodoksii Itiyoophiyaas yaa’ii isaa waggaa gaggeessuurratti argama. Baniinsa yaa’ii siinoodoosii Ortodoksii Itiyoophiyaa kanarratti gaafa Onkololeessa 12 bara 2017 haasaa baninsaa kan taasisan Paatiraark Bitsuu We qidduus Abuune Maatiyaas gaaffiwwan karaa nagaa akka furmaata argataniif caraan kennamuu qaba jedhaniiru jechuun Maqalee Irraa Muluugeetaa Astibahaatu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG