Dhimmoota marii ijoo biyyoota miseensota biyyoota Biriiksi Biraazil, Raashiyaa, Indiyaa, Chaayinaa fi Afirkaa kibbaa kana ta’e karaalee kaffaltiin isaanii hirkatummaa doolaara Yuunaayitid Isteetisi jalaa ba’uu danda’un sharafa dijiitaalaa Biriikisiin bakka bu’uu fi dhaabbileen faayinsansii biyyoota lixaa kan akka IMF ofii hundeeffachuudha. Biyyoonni akka Chaayinaa, Raashiyaa fi Iraan kanneen daldaloonni isaanii Yuunaayitid Isteetisiin qoqqobbiin irra kaa’ameeru Biriiksiin guddisuun qoqqobbii seeraan ala nurra taa’e kana bira darbuu qabna jechuun calaatti hojjechaa jiru.
Ministirri muummee Indiyaa Nareendiraa Moodii biyyoota miseensota Biriiksi gidduutti tumsa faayinaansii guddisuuf taasifamu ni simanna , kunis daldalli maallaqa biyya keessaa fi kaffaltiin daangaa qaxxaamuru haala salphaan tumsa diinagdee keenya ni cimsa jedhan.
Dubbii himaan ministira haajaa alaa Raashiyaa Viyaachaslaav Voloodiin fuula miidiyaa hawwaasaa Teleegiraam irratti akka bareessanitti yeroon olaantumma Waashingtanii fi Biraasilsi darbaa jira. Biyyoonni daandii marii wal qixxummaa fi tumsa wal fayyaduu kan filatan dantaa uummataaf malee Yuunaayitid Isteetisiin gammachiisuuf mitis jedhaniiru.
Qondaalonni Yuunaayitid Isteetisi immoo gama isaaniin yaa’ii kanarraa yaaddoo akka hin qabne dubbatu. Pirees sekiretariin waayit haawuus Kaariin Sheen Jiin Piiree Wiixata dabarsine yaada oduu gabastootaaf kenniteen Biriiksi haala siyaasaa teessuma lafaan dorgomaa ta’uun isaa nutti hin mul’anne. Yuunaayitid Isteetisi akkasitti hin ilaaltus jettetti.
Walta’insi biyyoota garee Biriiksi biyyoota Biraaziil, Raashiyaa , Indiyaa, Chaayinaa fi Afiriikaa Kibbaan kan jalqabe biyyoota akka Iraan, Masirii, Itiyoophiyaa, Yuunaayitid Arab Emmireetisii fi Saa’udi Arbaiyaa ofitti dabalateera. Tarkii, Azeerbaajaan fi Maaleezhiyaan miseensummaa biyoota garee Biriiksiitti dabalamuuf kan gaafatan yommuu ta’u biyyoonni biroon baay’eenis itti dabalamuuf fedhii agarsiisaa jiru.
Yaa’iin biyyoota garee Biriiksi guyyoota sadiif Raashiyaa magaalaa Kaazaan keessatti taa’amuu Kibxata dabarsine kana kan jalqabe yommuu ta’u biyyoonni 36 irratti hirmaachaa jiru. Gama biraatiin Yaa’ii Biriiksiif Raashiyaatti kan Argaman ministirri muummee Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimad addatti pireezidaantii Raashiyaa waliin Roobii kaleessaa marii taasisaniiru.
Ejjennoo biyyi keenya akka Addunyaattis ta’e kan naannoo irratti qabduuf michoonni keenya ejjennoon isaanii baay’ee nutti dhiyoodha kana jedhan pireezidaantiin Raashiyaa Puutiin kaka’umsoota dhaabbata mootummoota gamtoomaniirratti Raashiyaan qabduuf deeggarsa Itiyoophiyaan taasifte ni dinqisiifannas jedhan.
Forum