Bulchiinsa mootummaa naannoo Kibba Itiyoophiyaa Godina Koonsoo , naannoo aanaa Segen bulcha kan turan Obbo Urmalee Ugaandee sababa jeequmsa magaala Segen keessa tureen bara darbe gaafa Hagayya 11 bara 2016 irraa kaasee hidhamanii kan jiran akka gaadhiifaman jechuun maatiin gaafatan. Isaan waliin anmoonni hoogansa irra turan adda baafamanii hidhaa jiru kan jedhan obboleessi isaanii Maatiwoos Ugaande Sgalee Ameerikaatti himaniiru. Obboleessi koo yakka dalaganii osoo hin taane wayita jeequmsi ka’ee ture sanatti lubbuun namoota 14 darbuu dabalatee miidhaawwan dhaqqabaniirN Hospitaala dabalatee dhaabbileen mootummaa 23 gubachuu Sagalee Ameerikaaf ibsa waan kennaniif hidhaman jechuunis dubbataniiru.
Ajajaa Poolisii Godina Koonsoo kan ta’an Komaadeer Selemoon Kabaayitaa dhimma kanarratti gaafatamanii Obbo Urmaleen hidha jiraachuu mirkaneessanii kan hidhamaniiran garuu ibsa miidiyaaf kenniin oso hin taane yakkaan waan shakkamaniifidha jedhaniiru.
Forum