Godinaalee Oromiyaa keessatti walittibu’iinsi hidhattootaa WBO fi humnoota mootummaa gidduutti geggeessamaa akka jiru yeroo gabaafamaa jiru kanatti jiraattonni tajaajilli bilbilaa fi Interneetii addaan cite akka jiru dubbatan. Keessumaa jiraattonni Godina Gujii, Qellem Wallaggaa, Hoorro Guduruu fi Shawaa Kaabaa ammas adda ciccituun tajaajila bilbilaa akka naannoo isaanii jiruu fi barattootarratti dhiibbaa akka uume himatan. Dhimma kanarratti dhaabbata mootummaa tajaajiala kana harkaa qabu Itiyoo-Teelekoom irraa deebii argachuuf Sagaleen Ameerikaa deddeebisee yaalus, ammaaf deebii hin arganne.
Forum