Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naqamteetti Shamarreen Miidhaan Gudeeddii Irratti Raawwachuun Suur Sagaleen Ifa Bahe Keessaa Tokko Barnoota Adda Kutuu Dubbatte


Naqamteetti Shamarreen Miidhaan Gudeeddii Irratti Raawwachuun Suur Sagaleen Ifa Bahe Keessaa Tokko Barnoota Adda Kutuu Dubbatte
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:21 0:00

Viidiyoo Suur sagalee gudeeddii ijoollee shamarraa lamarratti dhaqqabaa jiru agarsiisudha kan inni fuula saba himaaleetti fe’ame. Suur sagalee VOA gahe kan sekondii 42 dheeratu kana keessatti dhiironni lama ijoollee durbaa lama goodaa keessatti yoo gudeeddii gaggeessan mullata, ijoolleen shamarranii miidhaan irra gahu keessaa tokko sagaleesheen, yoo maqaa waamtee yoo na dhiis jettee kadhattu dhagahama, warri kaan bilbila harkaan yoo ijoolleen kun miidhaan irra gahu yoo waraabanis viidiyoo kanarraa ni dhagahama, dhuma viidiyoo kanaarrattis shamarran kun uffata keenya nuuf kennaa jedhanii warra isaaniin waraabaa turee I miidhaa irraan geessisan utuu kadhatan dhagahama.

Keessumaa dilbata darbe galgalaa kaasee saba himaalee gara garaan suur sagaleen kun erga qoodamee duuba, dheekkamsa kaasee jira. Sagaleen Ameerikaa suur sagaleen kun eessaa fi yoom akka waraabame qofaa isaa mirkaneeffachuu waan hin dandeenyeef, qaamolee gara garaa gaafachuun adda baafachuuf yaalii taasiseen, taateen kun jalqaba Fulbaana darbe bara 2017, Godina Wallagga Bahaa, Magaalaa Naqamteetti akka ta’e angawoota fi warra miidhaman jedhaman dubbisuun bira gahee jira.

Shamarri warra yakki gudeeddii kun irra gahe keessaa tokko ta’uu himte VOA’f, ta’echi, Fulbaana 7, bara 2017, Magaalaa Naqamtee, naannoo Mana Amala Sirreessaa dugda duubatti ishee dhaa fi hiriyaasheerratti gahe jette. Haala isaa yoo jalqaba ibsite, gaafa manni barnootaa jalqabuuf jedhu hiriyaa ishee waliin gara manaa utuu deemuuf jettuu, ijoolleen baajaajii oofan jette kan duraan wal beekan ishee dubbisuu himte, sana booda karaa mana isaaniitti deemna jedhanii itti himnaan hiriyaashee waliin ijoollee kanaa waliin deemsa jalqabne jetti. Sana booda bakka bosona qabu gahanii, nu seensisuuf jennaan yoon didu, humnaan nu lamaan nu seensisan jette.

Sagaleen Ameerikaa shamarree miidhaa kanaan miidhame jette isheef eeggachuuf jecha maqaa hin eeru, sagalee ishees kanaaf jecha jijjiireera.

Magaala Naqamteetti barattuu kutaa torbaa ta’uu kan himte mucaan yakki gudeeddii irratti raawwatamuu dubbate kun, warri bakka ishee fi hiriyaanshee kaan gudeedaman jette kana xinnaatu namootni kudhantu ture jetti. Warri Shufeeronni Baajaajii lama yoo isaanirratti yakka dalagan kaan hafan immoo ijaajjanii bilbilaan gocha kana waraabu turan jette. Yakka kan duuba caba narra gaheef barumsallee dhiiseeraa jetti.

Sagaleen Ameerikaa yakka magaalaa Naqamteetti Fulbaana torba, bara 2017 raawwate jedhame ilaalchisuun qaamolee nageenyaa Magaala Naqamtee fi kan Godina Wallagga Bahaarraa deebii argachuuf yaaliin deddeebii guyyootaaf taasise hin milkoofne.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG