Dorgommiin pirezidaantummaa kan itti aantuu pirezidaantii Kamalaa Haaris fi pirezidaantii duraanii Doonaald Tiraamp gidduutti taasifamaa jiru garuu, baay’ee cimaa waan ta’eef jecha gareewwan isaanii ba’ii filannoo ibsamuu irratti fallmii uumamuu maluu seeraan faccisuuf dammaqinaan jiru.
Jalqaba bara kanaa kaadhimamaa pirezidaantii Rippabilikaan Doonaald Tiraamp miidiyaalee hedduutti akka himanitti, ba’iin filannoo pirezidaantii Adoolessa 5 gaggeeffame “amanamaa, haqa qabeessaa fi bilisa yoo ta’ee” nan simadha jedhan.
Qondaaltonni filannoo adeemsi sagalee kennuu haqa qabeessa amansiisaa fi iftoomina kan qabu ta’uu kan amanan yoo ta’u pirezidaantiin duraanii garuu mormitoonni isaanii shira raawwachuu akka danda’an yaaddoo isaanii ibsuun dabalaa dhufeera.
“Isaan tuuta gowwoomsaa waan ta’aniif gowwoomsaa isaanii sana gadi gad qabuu yoo dandeenye, injifannoo guddaa argachuuf jirra” jedhan Traamp
Itti aantuun prezidaantii Yunaaytid Isteetis Kamala Haaria Gaaffii fi deebii ji’a darbe Televiziyona NBC waliin gaggeessaniin yoo Tiraamp mo’amee fi filannoo kana diiguuf yaalan gareen keenya waan barbaachiisu gochuuf qophii dha jedhan.
“Halkan filannoo Sanaa fi guyyoota sana boodaa ni ilaalla qabeenya, ogeessotaa fi xiyyeeffannoo sana irrattis qabna” Jedhan Haaris
Falmiin seeraa jiraannaan ba'ii filannoo pirezidaantummaa duubatti harkisuu danda'a. Garuu Kibxata halkan ba’iin filannoo argamuu kaadhimamaa pirezidaantii tokko baayyee caalaa yoo ta’e, xiinxaltoonni akka jedhanti, paartiin inni injifatamee mormuun baay’ee rakkisaa ta’a jedhu.
Forum