Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi Ministeera Itiyoophiyaa Qonna Ammayyaa fi Jijjiirama Qilleensaa Furuun Beela Ittisuun Furtuudha Jedhan


Muummicha Ministeera Itiyoophiyaa, Abiyyi Ahimad, Finfinnee.
Muummicha Ministeera Itiyoophiyaa, Abiyyi Ahimad, Finfinnee.

Abiyyi Ahimad kana kan dubbatan konfiraansii guyyoota sadiif turuu “addunyaa beelaa ala taatee” jedhu kan Kibxatahar’a magaalaa Finfinnee keessatti baname irratti ture.Dr. Abiyyi rakkoo nyaataa addunyaa furuuf furmaanni kalaqaan akka kennamu gaafatan.

“Hojmaata itti fufiinsa qabu fudhachuu, qonna ammayyaa tarkaanfachiisuu, galteewwan qonnaa barbaachisoo ta’an babal’isuu, fi jijjiirama qilleensaa furuun oomishtummaa guddisuu qabna,” jechuun X ofii irratti irratti maxxansanii jiru.

Hoggantoota, ogeeyyii fi leelliftoota addunyaa tokkoomsuun furmaata kalaqaa fi tumsa irratti mari’achuudhaan, tattaaffiin waloo beela dhabamsiisuu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf taasifamu “bu’aa akka argamsiisu” abdii guddaa qaban dubbataniiru.

Konfiraansii Dhaabbata Misooma Industirii kan Tokkummaa, Komishinii Gamtaa Afrikaa fi Mootummaa Ityoophiyaa waliin qopheesse kana irratti bakka bu’oonni 1,500 hirmaachaa jiru jechuun Tokkummaan Mootummoota gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG