Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaaytid Isteetis Haallii Bulchiinsa Naannoo Amaara Keessaa Na yaaddeessa Jetti


FAAYILII - Ministirii Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets Antonii Blinken fi Mummichi Ministiraa Itiyoophiyaa Abiy Ahmad.
FAAYILII - Ministirii Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets Antonii Blinken fi Mummichi Ministiraa Itiyoophiyaa Abiy Ahmad.

Yunaayitid Isteets naannoo Amaaraa keessatti bara darbe irraa eegalee sochii jiruun muddamsii uumaamee yaaddoo isheetti uumuu isaa dippilomaatii ishee kan sadarkaa olaanaa Wiixata kaleessaa galgala ibsanii jiru.

Dhaabbattii oduu Faransaayii ykn AFP akka gabaaseetti, marii bilbilaan Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets Antonii Blinken fi Mummichi Ministira ee Itiyoophiyaa Abiy Ahmad gidduutti taasisaniin, Blinken ''hokkarri naannoo Amaaraa keessatti guddachaa dhufuun yaaddoo akka qaban'' ibsuun ''walitti bu’iinsa kanneen biroo Itiyoophiyaa keessaa furuuf mariin siyaasaa barbaachisaa ta'uu hubachiisaniiru.

Blinken fi Dr. Abiyyi naannichatti ''muddamsa dabalaa dhufe'' irrattis mari'ataniiru jechuun dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Yunaaytid Isteetis Maatii Miilar ibsa baasaniin ibsaniiru. Faanoon garee hidhatee kan saba Amaaraa yoo ta'u, Ebla bara 2023 mootummaan federaalaa humnoota naannoo hidhannoo hiikkachiisuuf yaaluu isaan qawwee kaase.

Blinken waa’ee waliigaltee diinummaa dhaabuu bara 2022 mallatteeffamee waraana Mootummaa Itoophiyaa fi Adda Bilisummaa Uummata Tigraay kan waggoota lamaaf ture xumure irrattis Mummicha Ministeeraa Abiyyi waliin mari’ataniiru. Mootummaan, namoota gara miliyoona 23 ta’an kan keessa jiraatan naannoo Amaaraa keessatti Hagayya bara 2023 labsii yeroo muddamaa labse .kunis waxabajjii keessa kan yeroon isaa xumuramee yoo ta’u, , humnoota federaalaa guddaan baatii Fulbaana keessa bobbaafaman yoo ta’u jeequmsi itti fufee jira.

Ji’a darbe keessa waraanni Ityoophiyaa hidhattoota Faanoo irratti duula guddaa eegaluu ibsee ture. Kunis furmaannii karaa nagaa akka barbaadamuuf waamicha gareewwan mirga falmanii fi michoonni idil-addunyaa gaafachaa yeroo jiranti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG