Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tiraamp Filannoo Prezidaantummaa Kan Yunaayitid Isteetis Injifatan


Faayilii- Filannoo prezidaantummaa Yunaayitid Isteetis kan bara 2024
Faayilii- Filannoo prezidaantummaa Yunaayitid Isteetis kan bara 2024

Pirezidaantiin Yunaayitid Isteetis duraanii Doonaald Traamp itti aantuu prezidaantii Kamalaa Haaris injifachuu dhaan marsaa haaraa waggaa afuriif biyyattii hoogganuuf jiru.

Dorgommii cimaa dorgomame irratti, Tiraamp filannoo Kibxata kaleessaa gaggeeffame irratti yoo xiqqaate sagalee jiloota filannoo 538 keessaa 277 argachuu dhaan, erga bara 1890mootaa as hogganaa Yunaayitid Isteetis marsaa walitti hin aanin injifatan ta’uu dhaaf sagalee irra jireessa argataniiru.

Kaadhimamaa paartii Dimookiraatotaa kan erga Pirezidaant Joo Baayiden baatii Adoolessaa keessa dorgommii addaan kutanii booda dorgommii kana irratti hirmaatan Haaris, dubartii prezidaantii jalqabaa kan Yunaayitid Isteetisiif filatamuuf yaalaa turan ka jalqabaa ti.

Tiraamp Roobii ganama hiriira kutaa Filooriidaatti geggeeffame irratti deeggartoota isaanii yeroo galateeffatan injifannoo isaanii labsaniiru.

'Kun sochii namni kanaan dura argee hin beekne ture, ifatti yoo dubbanne, kun sochii siyaasaa yeroo kamiyyuu caalaa guddaa ture jedheen amana,'' jedhan Tiraamp.

“Daangaa keenya sirreessina” fi "waan biyya keenya keessa jiru hunda ni sirreessina" jechuun waadaa seenaniiru.

Tiraamp itti dabaluu dhaan Ameerikaa cimtuu, nageenya qabduu fi badhaate akka jiraattu gochuuf akka hojjetan illere dubbataniiru.

Forum

XS
SM
MD
LG