Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rippaabilikaanonni Mana-maree Murtii Seeraa Keessatti Barcuma Yayyabaa Argatan, Kan Mana-Maree Bakka-Bu’ootaa Ammatti Hin Beekamne   


FAAYILII Mana Maree Yunaaytid Isteets, Waashingitan, Diisii, Bitootessa 22, 2024.
FAAYILII Mana Maree Yunaaytid Isteets, Waashingitan, Diisii, Bitootessa 22, 2024.

Filannoo Kibxata geggeessame irratti Paartiin Rippaabilikaanii barcumoota Seeneetii yokaan Mana-maree Murtii-seeraa 100 keessaa yoo xiqqaate 51 argachuudhaan irra-jireessummaa sagalee duraan dhabee ture deebifatee jira. Mana-maree Bakka-bu’ootaa kan yeroo ammaa Rippaabilikaanonni irra aantummaa keessatti qaban keessatti eenyu akka barcumoota caalaa qabate immoo haga Roobii waaree duraatti hin beekamne.

Kan marsaa waggaa lamaatiin filannoon irratti geggeessamu barcumoota Mana-Maree Bakka-bu’ootaa Yunaayitid Isteetis guutmmaa isaaf, jechuun barcumoota 435’f kaleessa guutummaa biyyattii keessatti dorgomame. Kan waggaa ja’atti si’a tokko filannoon namni itti jijjiiramu barcumoota Mana-maree murtii seeraa keessaa barcumoonni bara kana filannoof banaa tahan 34 qofa ture.

Filannoo kaleessaa tii dura, Mana-maree Murtii Seeraa keessatti Dimookiraatonni, Mana-maree Bakka-bu’ootaa keessatti immoo Rippaabilikaanonni barcuma xiqqoodhaan irra-aantummaa qabaachaa turan.

Forum

XS
SM
MD
LG