Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abbootiin Murtii Mana Murtii Yakkaa Idil-addunyaa Ajajaa Riphee Loltootaa Rippabiliika Afrikaa Waaltaa Tokko Irraa Himannaa Kaasan


Waajira Mana Murtii Yakkaa kan Idil-addunyaa, ICC, Jenevaa, Fulb. 5 2011.
Waajira Mana Murtii Yakkaa kan Idil-addunyaa, ICC, Jenevaa, Fulb. 5 2011.

Abbootiin Murtii Mana Murtii Yakkaa kan Idil-addunyaa, ICC-n Riphee loolaa Rippabiliika Afrikaa Waaltaa keessatti waggoota kudhanii ol dura yakka waraanaa fi yakka dhala namaa irratti raawwachuun shakkamee himatamee ture irraa ajaja hidhaa kaasanii jiru. Edmoond Beyinaa ajjeechaa, namoota dhabamsiisuu, humnaan gudeeddii fi ari’atama dabalatee waggoota kudhanii olii dura himatamee ture.

Rippabilikni Afrikaa Waaltaa bara 2013 irraa eegalee hokkaraan kan muddamte yoo ta’u, yeroo finciltoonni Selekaa pirezidaantii yeroo sanaa Firaankoos Boozize aangoo irraa dirqisiisan milishoonni farra Balakaa ofirraa ittisuun, namoota nagaa irrattis xiyyeeffachuun jiraattota Musliimaa magaalaa guddoo Baangwii irra caalaan isaanii sodaadhaan akka baqatan erganiiru.

Ajajni jalqaba bara 2018 chaappaan kan ba’e yoo ta’u, Edmoond Beyinaa garee loltoota gara 100-400 ta’an qabu kan farra Balaka baay’inaan Kiristaanotaa ta’ee fi bara 2013-2014tti garee finciltoota Seleka baay’inaan Muslimoota ta’an waliin wal waraaneef ajajaa ture jedha.

Abbootiin murtii mana murtii addunyaa kan yakka qoratuu murtii barreeffamaa Kamisa kaleessa kennaniin akka jedhanitti, aanga’oonni Rippabiliika Afrikaa Waaltaa dhimmi kun fudhatama qabaachuu isaa erga mormaniin booda, ajaja hidhamuu duraan murteessan kaasan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG