Wal waraansa Kaaba Itiyoopiyaan wal qabatee hidhaa keessa kanneen turan dhimma miseensota raayyaa ittisa biyyaa dhalattoota Tigraay Hordofaa kan ture ta’uu isaa kan ibse Huumaan Raayits Ferest, waggaa kana keessa hedduun gad dhiisamanis amma iyyuu hidhamtoonni 21 akka hin gad dhiisamin VOAf ibsee jira.
Maatiin hidhamtootaas gama isaaniin firoottan isaanii dhiifamaan akka gad dhiisaman erga murtaa’eefii booda dogoggora odeeffannootiin hiikamuu hin dandeenye jedhan. Miisteerri haqas gama isaan dhimmi hidhamtoota kanaa yeroo dhiyoo ilaalamuu jalqaba jechuun deebii kennee jira.
Obboleessi isaanii erga Onkoloolessa 25 bara 2013 jalqabee hidhamuu isaa kan dubbatan namni Doktor Yitbaarek Teferii jedhaman yaada kennaniin jalqaba bara 2017 irra mootummaan waggaa haaraa sababeffachuu dhaan dhiifamaan erga murteessee booda ragaa dogoggoraa jedhamuun hin hiikamnin jiraachuu isaa dubbataniiru. kanneen biroon yaada kennan kessaa obo Gu’uush Tirfee namni jedhman miseensa raayyaa ittisaa Itiyoopiyaa ta’uun waggoota 30f kan hojjete obboleessi isaanii borumtaa wal waraansi Kaaba biyyattii jalqabame hojii isaa idilee irraa qabamee waggoota argan darbaniif hidhamee jiraachuu ibsaniiru. Mana hidhaa Qaallitii keessa jira kan jedhan obboleessi isaanii innis ragaa dogoggoraan mana hidhaa keessa jiraachuu himataniiru.
Namoonni kun waajjiraalee federaalaa fi naannoo adda addaatti deddeebinee iyyanneerra garuu deebiin hin argamne jedhu. Dhimma isaanii waggootii afuriif hordofaa kan ture dhaabi mirga namaa Humaan Raayit Ferest jedhamu kan Itiyoopiyaaf itti aanaa daayiriktera kan ta’an obbo Mebrihii Birhaanee VOAf aka ibsanitti, ministeerri ittisaa Itiyoopiyaa jalqaba waggaa kanaa hidhamtoota hedduu hiikuu isaa galateeffatanii qorannaa geggeessineen kaan akka hin gad dhiisamin mirkaneessineerra jedhan.
Waajjira ministrii ittisaa jala kan jiru waajjirri boordii dhiifamaaf itti gaafatamaa kan ta’an Weyinii Gebremikaa’el VOAf akka himanitti boordichi dhiyeenya ennaa walitti qabamu dhimmi isaanii ni ilaalama, kanas maatii isaaniitti himameera jedhanii ragaa bal’aa kennuu irraa of qusataniiru. Dhimma kana ilaalchisee miisteera ittisaa biraa deebii argachuuf yaalii ta’e hin milkoofne.
Komee dhiyaate ilaalchisee dubbi himaa bulchiisa yeroo Tigraay obbo Redaa’ii Haleefoom argachuuf yaaliin ta’es hin milkoofne. Ministeeri ittisaa waggaa haaraa kan bara 2017 ilaalchisee dhimmi isaanii mana murtiin ilaalamee hanga adabi du’aa kan itti murtaa’e miseensonni raayyaa ittisa biyyaa 178 dhiifamaan akka gad dhiisaman mootummaan murteessuu isaa ibseera jechuun Gebremikaa’el Gebremedin gabaaseera.
Forum