Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tiraamp Namoota Siyaasa Isaaniif Amanamoo Ta’an Taayitaa ol Aanaaf Filachuu Jalqaban


FAAYILII - Stiiven Mileer bakka Pirezdaantiin filataman, Doonal Traamp duula na filadhaa geggeessanitti, Ditrooyit, Onk. 18, 2024.
FAAYILII - Stiiven Mileer bakka Pirezdaantiin filataman, Doonal Traamp duula na filadhaa geggeessanitti, Ditrooyit, Onk. 18, 2024.

Kan prezidaantumaa Yunaayitid Isteetisiif filataman Doonaald waggaa afur aangoo gad dhiisanii turan eessatti namoota isaaniif amanamoo ta’an angawoota Ripaablikaanotaan bulchiinsa isaanii haaraa guuguuf saffisaan itti adeemaa jiru Tiraamp akkuma waaltaaleen oduu Yunaayitid Isteetis adda addaa gabaasan, senetera kutaa Filoorikdaa Maarkoo Ruubiyoo ministrii dhimma alaa diplomaatii gameessa biyyattii gochuun muuduuf akka jiran himamaa jira. Labsiin isaa garuu hin beeksisamnin jira.

Kibxata galgala bulchituu kutaa Saawuz Daakotaa Kiristii Noo’eem hooggantuu ministeera nageenya biyyoolesssaa gochuun moggaasaniiru . Miseensa sadarkaa kaabineef ka muudaniif Kibxata galgala beeksisaman keessaa Piit Hegeseziin hoogganaa ministrii ittisa, Joon Raklifiin immoo daayiriktera CIA gochuun muudaniiru.

Ruubiyoo fi Naa’eem lamaan isaanii baatile hanga tokko dura toora namoota itti aanaa prezidaantii Tiraamp keessa turan. Tiraamp itti aanaa isaanii ta’anii akka dorgomaniif senetera kutaa Ohaayoo Jeedi Vaansiin ennaa filatan, Ruubiyoo fi Naa’eem ennaa Tiraamp itti aantuu prezidaant kamala Harrisiin salphaatti injifatan deggertoota ta’anii hafaniiru. Tiraamp dureessicha Elen Maaskii fi abbootiin qabeenyaa Viveek Ramaswaammii imnisteera Gahumsa Mootummaa haaraa hogganuun haaromsa bal’aa mootummaa federaalaa keessatti dhufu akka gorsan beeksisaniiru.

Akkasumas Wiliyaam Makgiinlii gorsaa Waayit Haawus gochun kan moggaasan yoo ta’u, miseensa Kongiresii kutaa Filooriidaa Maayik Waaltz gorsaa nageenya biyyaalessaa akka ta’aniif filataniiru. Waltz dhiheenya kana buufata xiyyaaraa sadarkaa addunyaa Waashingitan maqaa Tiraampiin moggaasuuf tattaaffii taasisame deeggeraniiru. Tiraamp Wixata darbe itti aanaa hogganaa immigireeshinii duraanii Toomaas Hoomaan hoogganaa dhimma daangaa isaanii akka ta’aniif moggaasaniiru, kunis godaantoota waraqaa eenyummaa hin qabne Yunaayitid Isteetis keessa jiraatan, tarii miliyoonaan lakkaa’aman gara biyya isaaniitti deebisuuf tattaaffii taasisamu illee ni hoogganu.

Miseensa kongiresii Niiw Yoork kan taate Eliis Stifaanek, Tokkummaa mootummootaatti ambaasaaddara haaraa gochuun filataniiru. Bulchaa Arkansaa duraanii Maayik Hakabee Israa’elitti ambaasaaddara Yunaayitid Istteetis akka ta’aniif kaadhimaniiru.

Forum

XS
SM
MD
LG