Rippabiliika Somaalilaandii kan ofiin jettuu fi Somaaliyaa irraa kan adda of baafte keessatti Roobii har’aa uummanni sagalee kennaa oole. Muddamsii kutaa sana keessaa otuma jiruu kaadhimamamtoota pirezidaantii sadii keessaa, bulchiinsa marsaa itti-aanuuf filataa jiru. Naannolee Somaliland ja’a keessatti buufata filannootii alatti namoonni tarree dheeraa hiriiruun akka sagalee kennuuf eeggataa jiran mul’ateera. Lammiileen Ityoophiyaa kanneen Somaalilaand keessa jiraatan, eenyu iyyuu yoo mo’ate Somaalilaandii fi Itiyoophiyaan hariiroo gaarii akka qabaatan abdii akka qaban dubbatan. Gabaasaa Haaruun Maaruuf Jaallannee tu dhiheessa.
Forum