Ministira haajaa alaa Itiyoophiyaatti dubbii himaa kan ta’an Obbo Nebiyaati Geetachoo har’a Sdaasa 5, bara 2017 bobbii waraanaa “ATMIS’ kan gamtaa Afrikaan booda ejjennoo Itiyoophiyaa irratti gaafatamanii , Alshabaab haala kamiiniyyuu naannichaaf balaa akka hin taaneerra geessisuu irrattis ta’e Somaaliyaa keessatti mootummaan akka hundaa’uu fi tasgaabba’uuf ga’ee murteessaa Itiyoophiyaan ba’atte hawwaasa Idil Addunyaattis ta’e Somaaliyaa biratti kan beekamu , Itiyoophiyaan duula Alshabaab irratti taasiftu kan itti fuftu ta’as jedhan.
Itiyoophiyaan naannoo Somaaliyaa irraa cituun ofiin of bulchitu kan beekamtii hin argatiin Somaaliilaandi waliin walii gatee wal hubannaa hulaa galaanaa ishee fayyaachisu mallatteessuu hordofee Somaaliyaan kan mormite Ji’a Amajjii dhufurraa kaasee loltoonni Itiyoophiyaa nagaa eegumsaaf Somaaliyaa keessa jiran akka ba’an kan beeksiifte. Ministirri humna waraanaa Somaaliyaa Abduulqaadir Mohaammadnuur Sanbata dabarsine kana Teleeviziyoona mootummaan hoogganamu irratti ibsa kennaniin Itiyoophiyaan Walabummaa fi tokkummaa biyyaaleessa keenyaa sarbuu isheen Ergama nagaa eegumsa kan Gamtaa Afirikaa haaraa keessatti hin hammatamtu jedhaniiru. Dhimma kanarratti kan gaafataman Obbo Nabiyaat rakkoowwan yeroo fedhii babbal’isuu hin qabnu jedhaniiru.
Bobbii ergama nagaa eegumsaa Somaaliyaa keessaan kan amma yeroon isaa xumuramaa jiruun loltoonni Itiyoophiyaa 5,000 hanga 7,000 ta’an Somaaliyaa bakkoota garaa garaa keessatti bobbafamanii turaniiru. Gabaasni Finfinneerraa Kan Keneedii Abaateeti.
Forum