Rippaablikaanoonni teessoo mana mareef dorgoman Ariizoonaa keessatti Injifachuun akkasumas Kaalifoorniyaatti sagalee lakka’uun duubatti harkifatee kan turee fi Roobii kaleessaa beekame hordofee warri Rippaabilikaanii teesoo 218 argachuun warra Dimookiraatii caaluun teessoo mana maree moo’ataniiru. Kana dura teessoo seneetii moo’achuun warra Rippaabilikaanii kan beekame yommuu ta’u marsaa Kanaan warri Rippaabilikaanii piriizidaantii, Seeneetii fi Teessoo mana maree bakka bu’ootaan warra dimookiraati irratti oolaantummaa argataniiru.
Erga filatameen booda yeroo jalqabaaf gara Waashingatan kan dhufe Doonaaldi Tiraampi Roobii kaleessaa ganama Hoteela Kaappitool keessatti rippaabilikaanoota mana maree waliin turtii taasiseera. Ajandaawwan guyyoota dhibba keessatti raawataman qopheessuu isaaniis kaasaniiruuf. Dubbii himaan mana maree bakka bu’ootaa Maayik Joonsan Rippaabilikaanoonni teessoo Seneetii fi mana maree moo’achuun uummanni Ameerikaa fedhii ajandaa Ameerika jalqaba ykn “America first” akka hojiirra ooluuf qabaachuu isaa agarsiisa jedheera.
Tiraampi muudamoota tokko tokko ammumaa kennuu kan jalbeeru yommuu ta’u hooggantoonni rippaabilikaanii seneetii keessaa akka eeyyamuufi qaban dilbata darbe kana dubbateera. Kunimmoo aangooo Seeneetiirraa fudhachuu waan ta’eef warri Dimookiraatii karaa Kanaan dhiibbaa irratti uumu jedhamee eegama.
Forum