Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wixinee Fooyyessama Labsii Sabaa-himaa Itiyoopiyaarratti Qeeqa Guddaatu Dhiyaate


Wixinee Fooyyessama Labsii Sabaa-himaa Itiyoopiyaarratti Qeeqa Guddaatu Dhiyaate
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:27 0:00

Wixinee labsii fooyyeffame kan sabaa himaa Itiyoopiyaa ilaachisuun dhiyaate, qaamotii adda addaa biraa qeeqii fi mormiin isa mudachuun itti fufee jira. Onkoloolessa 19 mana maree bakka bu’oota uummataan kan dhiyaate wixinee fooyyeffamaa kana irratti koree dhaabbataan dhimmootii dimokraasii kan mana maree har’a sadaasa 11 marii uummataa mul’inatti geggeessee jira. Baniinsa marii sanaa irratti itti aanaa daayirikterri Abbaa taayitaa sabaa himaa Itiyoopiyaa Yoonaatan Tesfaayee labsicha fooyyessuun sababaa barbaachiseef ibsaiiru.

Obbo Yoonaatan akka ibsanitti, gurmaa’insaa fi qabiyyee labsii hojii irra oolee jiruun wal qabatee qaawwi seeraa jiru fooyya’iinsa kanaaf sababa akka ta’e ibsaniiru. Ibsa sanatti aansuu dhaa marii sana irratti kan hirmaatan waaltaaleen mirga namaa fi Sivikii akkasumas bakka buutonni hooggana waldoolii gaazixeessotaa, wixinee fooyyeffame sana irratti qeeqaa fi mormii hedduu dhiyeessaniiru.

Wixinee labsii kanaan fooyyeffamni kan irratti taasisame keessaa, miseensonni boordii Abbaa taayitaa sabaa himaa miseensummaa paarti siyaasaa ala ta’uu isaanii kutaan jedhu haqamuu isaa, adeemsi bakka adda addaa irraa fo’amuu fi bakka buufamuu isaanii jijjiiramuu, muudamni daayiriktera ol aanaa Abbaa taayitichaa muummicha ministeeraaf kennamuu, eeyama miidiyaa ykn haaromsa waraqaa rragaa galmeessamuu, uggura, haqamuu fi dhimmootii fakkaatan waliin aangoon wal qabate boordii irraa gara Abbaa taayitaatichaatti dabrafamuu fi kanneen biroos keessatti argamu.

Kunis walabummaa sabaa himaa kan murteessuu fi abbaan taayitaa sun dhiibbaa siyaasaa jaatti akka kufu taasisuu irra darbe, waltajjii sabaa himaa dhiibbaalee dhiphisan qaba jechuu dhaan qeeqxonni dubbataniiru. Koiishiniin mirga namaa Itiyoopiyaa fooyyeffama kana irratti ilaalamuu qabu kan ittiin jedhe yaada gorsaa hedduu dhiyeessee jira. eeggataa komiishinera komiishinicha kan ta’an Raakeeb Messelee, moggaasa boordichaa fi aangoo isaan wal qabatee fooyyeffamni taasisame komiishinichaan qeeqi kan irratti dhiyaate keessaa tokko jedhan.

Daayrikterri ol aanaan sabaa himaa Itiyoopiyaa obbo Mehaammed Idiris deebii kennaniin akka labsii yeroo ammaa hojii irra jirutti, ji’atti yeroo tokko kan wal ga’ii godhatu boordiin, hojii idilee akka hojjetu taasisamuun sirrii miti jedhan. kanaaf abbaan taayitaatiin akka raawwatamuuf fooyyeffamuun barbaachisaa dha jecuu dhaan falmaniiru. Haa ta’u malee murtiiwwanii fi tarkaanfiiwwan boordichaaf dhiyaachuu fi qaamni komee qabu yoo jiraate mana murtii ol aanaatti dhimmi isaa akka ilaalamu gochuu kan danda’u ta’uu fooyyeffama sana keessatti haammatamuu illee ibsaniru jehuu dhaan Kenedi Abaate gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG