Dargaggeessa yeroo tokko gargaarsa daandii irra jiraachaa ture amma garuu, mana barumsaa dizaayinii faashinii banachuun of irra darbee dargaggoota biroodhaaf bu’aa buuse tokko dha, kessummaan Qophii Labataa torban kanaa.
Dargaggoo Waaqtolaa Maammoo jedhama. Yeroo tokko harka duwwaa ture, waggootaaf imala jireenyaa rakkisaatti qabamee ture. Har’a garuu, milkaa’ee Finfinnee keessatti manne-barnootaa dizaahyinii faashinii inni banate, afaan Oromoo dabalatee, afaanota sadii’iin barnoota kennaa jira. Hojii huccuu aadaa ammayyeessan hojjeechuus kan hojjechaa jiru ta’uu ibseera. Tsahaay Daamxoo, Dargaggoo Waaqtolaa dubbisuun Finfinnee irraa qophii qindeessite qabdi.
Forum