Naannoolee ja’a mootumma Fedeeraalaa Somaaliyaa hundeessaan keessaa tokko kan taate Juubaalaand Kamisa har’aa akka beeksiisetti walitti dhufeenya mootummaa Federaalaa Somaaliyaa waliin qabu ifatti adda kuteera jedhe. Kaabineen bulchiinsa naannoo Juubaalaandi ibsa Kamisa har’aa baaseen yaa’ii Kismaayootti teenyeen mootummaa Federaalaa waliin hariiroo hojii fi walitti dhufeenya qabanu ifatti dhaabneera jedheera.
Kunis kan dhaga’ame sa’aatiiwwan muraasa dura manni murtii Somaaliyaa inni Moqaadishoo ajaja hidhaa hoogganaa Jubaalaand Ahimad Mohaammad Islaam isa Ahimed Madoobee jedhamuun waamauutti baasuu erga ibseen booda. Akka inni hidhamuuf ajajni kan itti ba’es himannaa Gantummaatiin kan himatame heera biyyattii cabsuudhaan biyyoota alaa waliin odeeffannoo biyyaaleessaa dabarsee kenneera kan jedhuuni.
Jubaalaand ibsa isaa isa mootummaa Federaalaa Somaliyaa irraa addaan ba’uu himu keessatti Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheeyik Mohaammud aangoo isaa seeraan ala fayyadamuu fi manni murtii loogii irraa bilisa hin taane jechuun himateera.
Jubaalaand filannoo Sadaasa 25 dabarsine taasifteen Ahmeed Madoobee irra deebiin kan filatame yommuu ta’u mootummaan Federaalaa Somaaliyaa filanniichaaf beekamtii hin kennu jedheera. Mootummaan Federaalaa Somaaliyaa waldhabdee uumamee jirau kana hordofee humna waraanaa torbaan kana keessa gara Juubaalandiitti ergee ture. Humni waraanaa gamtaa Afiriikaa kan nagaa eegumsaa kan Itiyoophiyaa fi Keeniyaa naannoo Juubaalndi keessa jiru.
Naannoon Puuntilaand waggaa darbe hariiroo Mootummaa Federaalaa Somaaliyaa waaliin qabu aaddaan kutuu isaa labsuun isaa ni yaadatama.
Forum