Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanni Israa’el Haleellaa Qilleensa Irraa Gaazaa Keessatti Raawwate


Israa'el Gaazaa Irratti Haleellaa Raawwatteen Namoonni 17 Du'aniiru
Israa'el Gaazaa Irratti Haleellaa Raawwatteen Namoonni 17 Du'aniiru

Humnoonni Israa’eel haleellaa qilleensarraan fudhataniin alattis Gaazaa gidduu galeessaa, Kaabaa fi Kibbaatti taankiiwwan waraanaa galchuun waraanaa jiraachuu Riyooteers gabaaseera. Haleellaawwan humna qilleensarraan Israa’eel Kamisa har’aa fudhatteenis lammiileen Faalisxiin Gaazaa keessaa 17 ajjeefamaniiru. Oduun kunis kan dhaga’ame Israa’eelii fi Heezboollaan inni Libaanoon keessaa walii galtee waraana dhaabuu taasiisuun erga dhaga’amee guyyaa tokkoo booda. Yommuu walii galteen waraana dhaabuu Heezboolaah fi Israa’eel dhaga’ametti lammiileen Paaliistiin kan Gaazaa keessaas akkasuma waraanni dhaabbachuu mala jechuun yommuu abdatanii turanittidha.

Namoonni ja’a haleellaa qilleensarraan manneen jireenyaa lama kan hospitaala Kamaal Adiwaan kan Beeyit Lahiyaa cinaatti argamu Kaaba Gaazaa keessatti kan ajjeefaman namoonni Afurimmoo kibba gaazaa Kihaan Yuunuus keessatti namoota Motorsaayikiiliin imalaa turanirratti haleellaa raawwatameen kan ajjeefaman.

Buufata baqattootaa seenaa qabeessa Nuiraat Masjiida cinaatti halleellaa humnoonni Israa’el qilleensarraan fudhataniimmoo yoo xiqqaate namoonni torba ajjeefamuu angawoonni fayyaa paaleestiin ibsaniiru.

Gama daangaa Masirii Raafaah irraanimmoo humnoonni Israa’eel naannoowwan magaloota Kaabalixaatti taankiiwwan waraanaa sochoosaa jiraachuu jiraattoonni yommuu ibsan Israa’eel kanarratti yaada hin kennine.

Lolli Hamaasii fi Israa’eel erga jalqabee turtii ji’oota 13 lakkoofsiise waraanaa dhaabuuf gareen lamaan gidduu seentummaa Kaataarii fi biyyoota biroon walii galteen waraana dhaabuu taasifamaa ture osoo hin milkaa’iin hafuun Kaataar ifatti gidduu seentummaa ishee hanga qaamoolen lamaan qophii ta’anitti dhaabuu ishee jalqaba ji’a kanaa irratti beeksiifteeti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG