Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kan Chaayinaa Keessatti Hidhamanii Turan Lammiileen Ameerikaa Sadii Gad Dhiisaman


Faayilii- Hariisen Lii suraa abbaa isaa kan Kaayii Lii qabatee Suraa Ka'e, Amajjii. 23, bara 2024, Paaloo Aaltoo Kaalifoorniyaa Keessatti
Faayilii- Hariisen Lii suraa abbaa isaa kan Kaayii Lii qabatee Suraa Ka'e, Amajjii. 23, bara 2024, Paaloo Aaltoo Kaalifoorniyaa Keessatti

Angawoonni Yuunaayitid Isteetis akka beeksiisanitti lammiileen Yuunaayitid Isteetis kanneen dabaan Chaayinaatti hidhaa keessa turan Roobii kaleessaa gadhiifamuun gara biyya isaniitti deebi’aa jiraachuu fi kunis waggootaaf waliin dubbii dippiloomaasii taasifamaa tureen hidhaa Beejiingi keessaa gadhiisisuu waashingitan ibsiteetti.

Ministirri Haajaa alaa Yuunaayitid Isteetis Antonii Biliinkan fuula miidiyaa hawwaasaa “x” Irratti bareeffama maxxanseen kanneen mana hidhaa Chaayinaa irraa ba’an Kayi Lii , Maark Iwidaanf ii Joon Leyuung Imala gara biyya isaaniitti taasiisuuf yommuu jiranitti dubbiseera jedhanii, hala fayyaa gaarii keessatti argamuu isaanii fi maatii jaallatan waliin wal arguuf jiraachuu isaaniitti gammaduu koos ibseeraaf jedheera.

Waayit haawusiitti gorsaan nageenya biyyaaleessaa Roobii kaleessaa ibsa baaseen lammiileen Ameerikaa sadan kanneen Rippaabilika Chaayinaatti hidhaa keessa turan gadhiifamuutti gammadneera jedheera. Kunis Pireezidaantii Joo Baayiden kan ji’a Amajjii dhufutti aangoo gadhiisaniif moo’icha dippiloomaasiitis jechuun ibseera.

Warra amma hidhaarraa gadhiifaman Maaark Iswidaan bara 2012-tti Chaayinaatti kan hidhame bara 2019tti immoo addabiin du’aa itti murtaa’eera. Joon Liyuungi bara darbe kan hidhaan umurii guutuu itti murtaa’e Lammii Yuunaayitid Isteetsitisi ta’ee Hoongi Koongitti eeyyama jireenyaa kan qabu Eebila 15 bara 2021 magaala Kibba Bahaa Suzhuu keessatti humna basaasaa naannootiin kan toa’atame.

Forum

XS
SM
MD
LG