Xurree ittiin seenan

Breaking News

Chaad Waliigaltee Humna Waraanaa Faransaayii Wajjin Qabdu Addaan Kutuu Beeksiste


 Sadaasa 28,2024 mootummaan Chaad walii galtee waraanaa Ferensaay waliin qabu adda kutuu beeksise
Sadaasa 28,2024 mootummaan Chaad walii galtee waraanaa Ferensaay waliin qabu adda kutuu beeksise

Biyyi walakeessa Afrikaatti argamtu Chaad waliigaltee hidhata waraanaa biyyaa Faraansaayii wajjin qabduu addan kutuu ishee beeksiftee jirti.

Ministirri dhimma alaa biyya Chaad Abderhaman Koulamalaah biyyi isaanii, walgaltee umna waraanaa Faransaayii wajjin qabduu Kamisaa kaleesaatii kaasee addaan kutuu ishee kan ibsan, ergaa ministirri dhimma alaa biyya Faransaay Jeen No’eel Baaroot Chaadiin daawwatanii booda akka ta’e ibsameera.

Muurtoon biyya Chaad kun, murtoo Kanaan dura biiyyottan Afrikaa biroo warren bittaa Farnsaay jala turan Maaliin, Burkii na faasoo fi Niijeer taasisan irra adda ta’uu isaa kan ibsaan ministirri dhimma alaa Chaad, faraansaayi ammayyuu firaa barbaachistuu taateedha jedhanii, “Chaad amma guddateetti , biyyaa walaboomteedhaa, walabummaa isheetiif immoo inaaffa guddaa qabdii” jedhaniiru.

Waraanii mootumma Faransaay hojii naga eedumaa irratti bobba’ee Chadiin keessa jiru akka achi turus haanga’onni Chad beeksisaniiru.

Yemmuu mootummaan Chaad murtoo kan ifaa taasise daawwanaadhaaf Kamisaa kaleessaa Itiyoophiyaa kan seenan ministirri dhimma alaa biyya Faransaay Jeen No’eel Baarot dhimma kan irratti yaada hin kenine.

Murtoon Chad kun kan ifa taasifame, Prezdaantiin biyyaa Seenegaal Baasirii Diyomaayee hasaa madda oduu Ajaans Firaans Pirees/AFP wajjin taasisaniin, Faraansaay buufata waraanaa biyya isaanii keessa qabdu akka cuftuu ergaa gaafatanii booda.

Biyoottan daangaa Chaadii wajjin qooddatan biyya Ripabilikii walakeessa Afrikaa, Sudaan, Libiyaa fi Niijeer keessa waraanni dhuunfaa mootummaa Raashaa wajjin hidhata qabuufi Waaginer Gruup jedhamu, akka socho’u kan beekamuu yemmuu ta’u, biyyi Chaad garee hidhaatootaa dhiha Afrikaa keessa socho’u fi Bokkaa Haraam jedhamee beekamu wajjin lola irra akka jirtu ni beekama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG