Waraanii Israa’el galgala kaleessaa Gaazaa keessatti haleella xiyyaara waraanatiin raawwateen yoo yarate lammilee Paalastaayin 30 ajjeesuu isaa dhaabileen fayyaa palstaayin beeksisee jira.
Haleellaa Kanaan namoottatan ajjeefaman caalaan isaanii kanneen buufata baqatootaa Nuseriyaat jedhamu keessa jiaran yemmuu ta’u, bakka kanatti reenfi namoottan 19 argamuu isaa dhaabanni fayyaa Meediks jedhamu ibseera.
Akka dhaabanni fayya kun jedhetti, warren hafan kan ajjeefaman kibbaa fi kaaba Gaazaa keessatti. Haleelaa kan ilaalchisee waraanni Israa’el jimaata har’aa wantii jedhe jiraachuu baatus, Kamisa kaleessaa ibsaa kenneen, “haleellaa shororkeesitoota irratti xiyyeeffate” jedhe raawwachuu isaa beeksiseera.
Karaa biraatiin, haaga’onni Israa’el lammilee Paalastaayin mana hidhaa keessa tuaran 30 gadi dhiisuu isaanii beksisaniiru. Namoottan lola Gaazaa keessatti adeemaa jirun walqabatee mana hidhaa Israa’el keessa turan kun, wal’ansa fayyaa argachuudhaaf gara hospitaala kibba Gaazati argamuutti geessamuun isaanii ibsameera.
Lammileen Palastaayin mana hidhaatii bahan kun, yemmuu too’annoo Israa’el jala turan reebichii akka isaan irratti raawwachaa ture kan himan yemmuu ta’u, himanna isaanii kan Israa’el haalteetti.
Lola Gaazaa keessatti adeemaa jiru walgaltee dhukaasa dhaabuutiin qabbaneesuudhaaf yaaliin taasifamaa jiru itti fufee jiraachuu isaa kan gabaasee maddi oduu Rooyiters, waligalteen Israa’eli fi garee Hizboolaah isa Libaanoon keessa socho’uu wajjin taasifamee Roobii dheengadaa barii irraa jalqabee hojii irraa oolaa jiraachuu isaa gabaaseera.
Forum