Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammileen Namibiyaa Eega Filannoon Sababa Teekinikaan Dhaabatee Booda Gara Buufatalee Filannootti Deebi’udhaan Sagalee Kennaa Olan


Faayilii- Rakkoo teekinikaan filannoo dhaabateen booda lammiileen Namiibiyaa wiirtuu filannootti argamuun sagalee kannen
Faayilii- Rakkoo teekinikaan filannoo dhaabateen booda lammiileen Namiibiyaa wiirtuu filannootti argamuun sagalee kannen

Akkaataa karoora komishiini filannoo biyya Namibiyaatti, filanoon kan jalqabe Roobii dheengadaa ta’us, sabba Rakina tekinikaa umamee fi mormii ka’een, guyyaan filannoo akka dheeratu taasifamuun isaa gabaasameera.

Sababa rakina meeshaalee sagalee kennitoonii ittin galama’anuu fi sababa hanqina waraqaa sagaleen ittin kenamuutiin kan ka’ee lammileen biyyatti pezidaantiidhaafi miseensota mana maree bakka bu’ootaatiif sagalee kennuuf bahan sa’’atii 12f dhaabbatanii eegachaa akka turan oduu gabastotatti himaniiru.

Filannoo Jimaata har’aa buufatalee 36 keessatti taasifamaa jiru Kanaan Partiin bara walabummaa biyyatti bara 1990 jalqabee waggoottan 34 biyyatii bulchaa jiru Partiin dhaabbataa umata kibbaa dhiha Afrikaa ykn SWAPO jedhamee kan beekamuu morkii cimaa keessa akka seenaa jiru gabaasameera.

Hojii dhabiinsaa dargaggootaa, gara garuumaan jireenyaa lammilee biyyatti gidduutti mulachaa jiru guddachuun isaa, keesumaa dargagootaa erga SWAPON angoo qabatee as dhalatan birratti xiyyeefannaa guddaan waan itti kennameef, paartii bara 1990 jalqabee aangoo irra jiru morkii keessa galchuu akka danda’e ibsamera.

Akka gabaasalee laammilee biyyatti waabefachuudhaan ifa ta’aniitti amma har’aatti namoottan filannoodhaaf galmaa’uu danda’an miiliyoonii tokkoof walakaa qofa. Akka komishiiniin filannoo biyyatti ibseetti filaniichii amma Sambata bortii itti fufa.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG