Biyya Naayijeeriyaa keessatti hiriira mormii ji’a Hagayyaa darbee taasisamee irratti namoottan hirmaatan 24 Poolisoonii biyyattin Ajjeesamuu isaanii dhaabbanii Idilee adduunyaa mirga namoomaatiif falmu Aminestii Internaashinaal beeksiseera.
Aminestii Internashinaal ibsaa fuula 34 qabu Kamisa kaleessa baaseen mormii farra mootummaa ji’a Hagayyaa keessa taasifamee Kana irratti walitti bu’insaa Poolisootaa wajjin umameen, guutummaa biyyattii keeessatti namoottan 24 ajjefamanii 1200 kan ta’an immoo hidhamaniiru.
Maatiwwaan midhamtootaa fi hojjatootaa fayya, akkasumas ragaa baatootaa adda addaa gaafachuudhaan gabaasaa kana kan qindeesse Aminestii internashinaal, mormii kutaawwan biyyatii, Boorno, Kadunaa, Kaano, Kaasinaa, Jigawaa,fi Niger keessatti taasifamee kana irratti tarkaanfii Poolisoonni fudhatan Kanaan kaneen du’an keesaa lama daa’iman akka ta’an eerera.
Naayijeriyaatti daarekteera Aminestii intenaashinaal kan ta’an Isaa Sanuusi poolisoonni dhukaasa rasaasaa fi haara nama imimaanesu baldhinaan fayyadamuu isaaniitiin miidhaan kun akka gahuu danda’e himanii, lakkofsii namoottan balaa Kanaan midhamanii isa gabaasamee caalaa ta’uu akka danda’u himaniiru.
Mormiin sun kan qindaa’ee Bulchiinsii Prezidaant Boola Tinaabuu qaala’insa jireenyaa too’achuu dadhabuu isaa irratti kan xiiyyeefate yemmuu ta’uu, balaa mormii Kanaan walqabatee muudateef dhaabbataa poolisii Naayijeeriyaa irra deebii argachuuf yaaliin VOA dhaan taasifamee akka hin Timootii Obi’ezuu Abuujaa/Naajeriyaa irraa gabaasera.
Forum