Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wal Waraansa Tigraay Keessaan Booda Tamsa’inni Vaayirasii HIV Dachaa Dabaluu Biiroon fayyaa Tigraay Beeksise


Wal Waraansa Tigraay Keessaan Booda Tamsa’inni Vaayirasii HIV Dachaa Dabaluu Biiroon fayyaa Tigraay Beeksise
Wal Waraansa Tigraay Keessaan Booda Tamsa’inni Vaayirasii HIV Dachaa Dabaluu Biiroon fayyaa Tigraay Beeksise

Biiroon Fayyaa naannoo Tigiraay qorannoon argadhe akka jedhetti erga waraana Tigiraay keessa tureen booda tatamsa’inni dhibee Vayirasii HIV dachaan dabaleera jedhe.

Osoo waraanichi hin jalqabiin dura mootummaan naannichaa ittis Vaayiraasii HIV irratti hojechaa turuu kan ibsan Obbo Fisahaa Birhaanee biiroo fayyaa naanoo Tigiraayitti qindeessaan to’annoo fi ittisa HIV tatamsa’inni isaa hir’isee ture jedhan. Wal waraansichaan boodas tattamsa’inni vaayirasichaa dabaluuf sababa kan ta’e dubartoonni gudeedamuu, rakkoon diinagdee jiraachuun dubartoonni hojii daldala saalquunnamtii akka hojjetan taasisuu fi namoonni qe’ee isaniirraa buqqa’anii jiraachuu akka ta’es ibsaniiru.

Kibxata har’aa sadaasa 24 bara 2017 magaalaa Maqalee keessatti waltajjii qophaa’ee irratti, naannoo Tigiraay keessatti tatamsa’ina Vaayirasii HIV ilaalchisee waraqaa qorannoo dhiyyaateen Wal waraansichaan dura tatamsa’inni vaayiraasii HIV Tigiraay keessatti dhibbeentaa 1.2 kan ture amma dhibeentaa 3 irra ga’uu ibsameera. Keessumaa Magaalaa Maqalee, Godina Kibba naannichaa fi buufataalee namoota qe’eerraa buqqa’an keesatti dabaluun ibsameera.

Waggoota shanan darbanitti dubartoonni gara hojii saalquunnamtittii irraa maallaqa argachuuf irratti bobba’an dhibbeentaa 56 akka ta’an kan ifoomse qorannichi kanneen keessaa dhibbeentaan 8.6 kan ta’an Vaayirasichaan qabamaniiru. Kunis bara 2007tti dhibbeentaa 2 irra kan turedhas jedhameera.

Gabaasni Maqalee irraa kan Muluugeetaa Astibahaa ti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG