Yunaayitid Staes, Gamtaan Awurooppaa, Gamtaan Afrikaa fi IGAD hundi isaanii walii galtee torban kana hoggantoonni Itoophiyaa fi Somaaliyaa Turkii argaman keessatti tolfatan simataniiru. Waliigaltichi gamnii lamaan tokkummaa naannoo fi abbaa biyyummaa walii kan mirkaneessan yoo ta’u, Itiyoophiyaan galaana dhaqqabuuf carraaqqii taasiftu irratti kan hojjetan ta’uu ibsa. Gama biraatiin Waliigaltee wal hubannaa Somaaleelaandii waliin mallattaa'e deebii malee dhiise. Harun Maruf waliigalteewwan kunneen biyyoota lamaaniif maal jechuu akka ta’e akkasumas walii galtee wal hubannaa bara dabree tolfame xiinxaltoota waliin dubbatee an gabaase Jallanneetu dhiyeessa.
Waliigaltee Somaaliyaa fi Itiyoophiyaa Gidduutti Tolfame Qaamolee fi Biyyoonni Addunyaa Simatanii Jiran
- VOA
Forum