Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obomboleettiin Hamaan Galaana Hindii Irraa Ka’eeru Odola Mayoottee kan Faransaayiin Bultu Rukkute Balaa Qaqqabsiise


balaa obomboleettiin geechise booda, Mayoottee, Faransaay, Muddee 15, 2024.
balaa obomboleettiin geechise booda, Mayoottee, Faransaay, Muddee 15, 2024.

Obomboleettiin Saayikiloon Chidoo jedhamu kan galaana Hindii irraa ka’eeru odola Lafa bulchiinsa Firaansi kan taate Mayoottee rukkutuun manneen jireenyaa Odolicha irra jiran diiguun kanneen dhibbootaan lakkaa’aman ajjeessuu hin oollee jedhamees sodaatama . Suuraaleen Mayoottee ishee Paariisiin bultu irraa mul’ataa jiranitti manneen jireenyaa diigamuun walirra tuulamaniiru.Obomboleettiin saayikiloon kun Mayoottee keessatti buufata xiyyaaraa , taajaajila Eleektirikaa , bishaanii fi Komuunikeeshinii Sanbata darbeerraa kaasuun adda kuteera.

Bulchaan magaalaa Mayottee Mamodzhuu Ambdilwahezhuu Ajaansi Firaansi Pireesitti akka himetti Obomboleeticchi waan hunda mancaaseera, hospitaalli, manneen barnootaa , manneen jireenyaa guutumaatti diigamuu ibseera. Odolli Mayottee kan Biyya Firaansiin bultu Baha Momaabikitti walitti hidhattu Omboboleettii Chidoo isa sa’aatii tokkotti Kiiloometira 226 tti saffisuun rukutamteetti.

Namoota balaan kun irra ga’eeru baraarsuuf hojjettoonni ittisa balaa Ibidaa fi humni waraanaa 160 kan daqqaban yommuu ta’u ammas kanneen 110 ta’animmoo bobbaafamuuf jirus jedhameera. Akka gabaasa qindeesaa gargaarsa namoomaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii UNOCHA tti Omboboleettiin Saayikiloonii Chidoo kan Galaana Hindiirraa ka’eeru kun Moozaambikii , Maalii fi kanneen biroo keessatti namoota miiliyoona 1.7 ta’an balaaf saaxilu mala jedheera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG