Magaalaa Finfinnee Kifle Katamaa Yakkaa keessa jiraattonni jiran tokko tokko maallaqnii ittiin bakka buufannu yokaan iddoon itti gallu ituu nu hin kennamiin manni keessa jiraannuu diigamaa jira jechuun sagalee Amerikaatti himanii jiru. Sodaa nageenyaaf jecha maqaan isaanii akka hin ibsamnee kanneen gaafatan aanaa 4 lafa ganda 05 jedhamu keessa namonni jiraatan akka jedhanti Kan waadaan nu seenamee turee maallaqnii kiraa wagga lamaa akkasumas iddoo bakka nu bufamee yokaan gumaan ituu nu baafamin misooma haandaara lagaa sababaa jedhuun manni keenya diigamaa jiru jehuun jabeessanii komatan.
Waa’ee rakkoo keenyaa itti gaafatamtoota jiran yeroo gaafannu fira biratti butadhaa ykn Kireeffadhaa nu ba’aa jedhan jedhu. Magaalaan keenya akka jijjiramtu ni barbaanna, Misoomas ni deggerra kanneen jedhan warri yaada kennan kun ta’uus mootummaan dursee iddoo akka qopheessuuf akkasumas yeroos akka laatuuf gaafatanii jiran.
Dhimma kana ilaalchisee sagalee Amerikaaf ibsa kan kennan Kifla katamaa Yakkaaf hojii raawwachiisa olaanaa kan ta’an Obbo Biraanuu Rattaa kaayyoon misooma kanaa magaalatti jiraattootaaf akka mijatuu gochuu dha jedhanii hojii kanas jiraattoota waliin mari’achuun gaggeeffamaa jira jedhan. Misoomaaf jecha namoota kaafamaniif laftii kennameera jedhanii Kaffaltii gumaa kennauus haala jiru qulqulleeffannee raawwachiisuuf hojjataan jira jechuun dubbatan.
Jiraataan tokko garu misoomnii koriidarii kun carraa hojii isaa banuu isaa akkasumas projeektiin kun ba’aa akka qabu naa ibseera jechuun dubbachuu isaanii Gabra Mikaa’eel Gabra Medhin Finfinnee irraa gabaasee jira.
Forum