Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tiraamp Gadamoojjii Waraanaa Jeneraal Kiit Keeloog Ergamaa Addaa Dhimma Yukiraanii fi Raashiyaa Akka Tahan Kaadhiman


Pireezidaantiin filataman Doonaald Traamp, Flooridaa, Onkoloolessa 16, 2024.
Pireezidaantiin filataman Doonaald Traamp, Flooridaa, Onkoloolessa 16, 2024.

Pireezidaantiin filataman Doonaald Traamp Yukireen fi Raashiyaatti ergamaa addaa isaanii akka ta’aniif nama ganna 80 soorama bahan Letenaal Jeneraal Raayyaa Ittisa Biyyaa Keet kan maqaa dhahaan yoo ta’u kunis bakka Traamp waraana kana saffisaan xumuruuf waadaa galanii dha.

Keeloog yeroo Tiraamp marsaa jalqabaaf filataman hogganaa olaanaa Mana Maree Nageenya Biyyoolessaa ta'uun tajaajilaniiru.

Bulchiinsa Traamp isa marsaa jalqabaa keessatti marii waa’ee Yukreen gaggeeffame keessatti Bakka Bu'aa Addaa Ameerikaa kan turan Kurt Volker, akka jedhanti, Traamp filannoo gaarii taasiisan. ''Inni nama hogganaa waraanaa muuxannoo qabu, jeneraal sadarkaa urjii sadii ga’ee, kunis baay'ee guddaadha. Pirezidaanti Tiraamp waliin hariiroo cimaa waan qabuuf kallattiin wal qunnamuu danda’u.” jedhan volker.

Hojiin Kellogg mul’ata Tiraamp waraana Yukireen keessatti gaggeeffamaa jiru saffisaan xumuruuf qaban hojiirra oolchuu ta’a kan jedhan Volker “Ergaa Prezidaanti Tiraamp irraa dhufu dabarsuu, dhugaa lafa jiru dabarsuu, fi ergaa qaamolee kamirraayyuu dhufan ittiin ga’uu dha” jedhan

Dhaabbata " America First Policy Institute" jedhamu keessatti gargaaraa dur-taa'aa Giddu-gala tika-nagaa Ameerikaa tahuudhaan kan hojjetan Keeloog karoora waraana Yukireen xumuruuf qophaa’e kan barreesan keessaa tokko. Yunaaytid Isteetis imaammata idilee "dhukaasa dhaabuu fi mariin furmaata barbaaduu" akka jalqabdu yaada dhiyeessaniiru.

Akka Karoora sanaatti Yukreen Raashiyaa waliin marii seenuuf yoo walii galte Yunaaytid Isteetis Yukireen hidhachiisuun itti fufa ture. Raashiyaan marii kana irratti akka hirmaattu amansiisuuf, Keeloog wabii nageenyaa argachuuf jecha miseensummaa Yukireen NATO keessatti duubatti akka harkiifatuuf yaada dhiyeessan. Waa'ee karoora isaanii kanas baatii Adooleessa dabree keessa sagalee Amerikaa waliin dubbataniiru.

Forum

XS
SM
MD
LG