Tattaaffii maanguddootaa fi abbootii amantaatiin midhaan gargaarsaa gara aanaa Bugnaati geeffamuu eegaluu isaa aangawoonni naannoo ibseera. Bulchiinsa naannoo Amaaraa Godiina Walloo Kaabaa Aanaa Bugnaa maanguddoonnii fi abbootiin amantaa mootummaa fi hidhattoota Faanoo waliin walii galanii midhaan gargaarsaa namoota beelaaan midhamaniif seenaa akka jiru ibsaniiru.
Hogganaan Waajjira Qindeessituu Ittisa Balaa fi Wabii Nyaataa Woloo Kaabaa Obbo Alamuu Yimar sagalee Amerikaaf akka himanitti, aanaan kun hidhattoota Faanoo jala waan jiruuf mootummaan hanqina nyaataa mudateef deebii ariifataa kennuu hin dandeenye. Tattaaffii manguddoota naannichaa fi abbootiin amantaa taasisaniin midhaan gargaarsaa kuntaala kuma 16 ol namoota kuma 100 fi kuma 10 oliif raabsamaa jiraachuu ibsaniiru.
Rakkoo nyaataa fi fayyaa jiraattota aanichaa hidhattoota Faanoo akkasumas qaamolee mootummaaf ibsuuf Namoota dhuunfaa filataman 18 keessaa tokko ta’uu kan himan Abba Gabra Egzaabeer zinaabee Yirdaaw humnootii gam lameenii wal falmaa jiran waliin waiigaltee irra ga’ameen Dawaalee fi nyaatii madaalamaan aanaa sana seenuu danda’uu isaa dubbatan.
Haadholii aanaa Ayinaa Bugnaa lama sagalee Amerikaaf akka ibsanti, daa'imman isaaniif nyaata madaalamaa dhaabbilee fayyaa irraa fudhatanii gara mana isaanti deebi'uu himaniiru jechuun Asteer Misgaanaaw gabaastee jirti.
Forum