Dippilomaatonni sadarkaa olaanoo bulchiinsa Baayiden Jimaata har’a Damaasqootti aangawoota haaraa Siiriyaa Hayat Tahrir al-Shamiin durfaman waliin wal arguuf jiru jedhan dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa,Kan Yunaaytid Isteetis.
Kunis walgahii jalqabaa qaamaan akkasumas ifatti Waashingitan fi bulchitoota haaraa Siiriyaa gidduutti taasifamuudha .
Dippilomaatii olaanaa Ministeera Dhimma Alaa kan Giddu Galeessaa Bahaa, Barbara Leaf, Ergamaau Pirezidaantii kan waa’ee Dhimma namoura iggitamanii Roojar Kaarstens fi Gorsaan Olaanaa haaraa muudame Daani’eel Rubinstein, kan amma itti gaafatamnii Ministeeara hirmaannaa dhimma Siiriyaa geggeessuuf itti kenname, erga milishoota mormitoota Siiriyaa aangoo qabatanii as, dippilomaatota Yunaaytid Isteetia gara Damaasqoo imalan keessaa warra jalqabaati .
Daawwannaan kun kan raawwatame yeroo mootummoonni biyyoota dhihaa suuta suutaan garee fi hogganaa isaa Ahmed al-Sharaa’f waliin karaa banuun maqaa shororkeessummaa garee kana irratti kaa’ame kaasuu fi dhiisuu irratti falmii jalqabaniiti. Imalli jilli Yunaaytid Isteetis kun guyyoota darban keessa Faransaayii fi Biriteen waliin qunnamtii taasifame hordofeeti.
Walgahii isaanii keessatti, qondaaltonni Yunaaytid Isteetis bakka bu’oota hoggana siriyaa isa haaraa waliin hunda kan hammatamuu fi mirga namoota sab xiqqaa kabajuu kan Waashingitan ce’umsa siyaasaa Siiriyaa keessatti hammatamuu barbaaddu irratti ni mari’atu jedhan dubbi himaan kun.
Kana malees Jilli Amerikaa kun waa’ee gaazexeessaa Amerikaa Austin Tice, kan Hagayya 2012 imala gabaasaa gara Siiriyaa taasiseen booji’amee fi lammiilee Ameerikaa biroo bara bulchiinsa Asaad dhabaman odeeffannoo haaraa argachuufis ni hojjeta.
"Miseensota waldaalee siivikii,Roogeeyyii, miseensota hawaasa adda addaa, fi sagalee Siriyaa kan ta’an biroo dabalatee ummata Siiriyaa waliin kallattiin mul'ata isaan egeree biyya siriyaaf qaban akkasumas Ameerikaan akkamitti isaan deeggaruu fi gargaaruu akka dandeessu irratti ni dubbatu jechuun dubbi himaan.ministeera haajaa alaa Yunaaytid Isteetis dubbatanii jiru
Forum