Mootummaan Somaaliyaa Jila lama gara Itiyoophiyaa fi Masiriitti ergeera. Ministirri haajaa alaa Somaaliyaa Ahimed Mo’aaliim Fiqii Kaariyootti imaluun ministira haajaa alaa Masirii Badir Abdelaatii waliin kan marii gaggeesse yommuu ta’uu, erga gidduu seentummaa Tarkiin Somaaliyaa fi Itiyoophiyaan walii galteerra ga’aniin booda yeroo jalqabaaf Ministira haajaa alaa Somaaliyaatti dee’eetaa Ministiraa kan ta’e Alii Mohaammad Omar gara Finfinneetti imaleera.
Imala jiloota kana lamaaniin cinaattimmoo Wiixata har’aa Magaalaa Doolow kan Somaaliyaa keessatti humnoonni waraanaa Jubaalaandii fi kan mootummaa Federaalaa Somaaliyaa wal waraansa gaggeessaniiru. Mgaaliittii keessatti humnoonni waraanaa Itiyoophiyaa kanneen nagaa eegisfitootaa baay’inaan keessatti argamu.
Forum