Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Harariitti Dameewwan Baankilee Adda Addaa 43 Cufamuu Waldaan Baankilee Itiyoophiyaa Hime


Maashinii maallaqaa, ATM nama fayyadamaa jiru, Finfinnee, Adoolessa 31, 2029.
Maashinii maallaqaa, ATM nama fayyadamaa jiru, Finfinnee, Adoolessa 31, 2029.

Waaldaan Baankiiwaan Itiyoophiyaa dameewwan baankiiwwan garaa garaa 43 guyyoota sagala darban keessatti bulchiinsa mootummaa naannoo Hararii keessatti akka cufaman taasifaamaniran akka banaman jechuun gaafate. Hoogganaan waldaalee Baankii Itiyoophiyaa Obbo Damisseew Kaasaa akka ibsanitti dameewwan baankilee garaa garaa kanneen Naannoo Harariitti cufamanii jiran misooma Koriidarii magaalaa Haraarii keessatti mootummaan ijaaruuf tokkoon tokkoom isaanii birria miliiyoona lama akka kaffalan gaafatamanii kaffaluu waan dadhabaniif cufaman jedhan.

Baankkiiwwan kunneen erga cufamanii guyyoonni sagal darbaniiru kan jedhan hoogganichi cufamuu isaaniitiinis gaga’ama diinagdee garaa garaatu dhaqqabaa jira jechuunis ibsaniiru. Daameewwan baankiilee tajaajila faayinaansii kennuu fi maallaqa qusattoota irraa sassabanii ol kaa’uu malee keennaa eenyuufiyyuu kennuuf mirga hin qaban kan Obbo Damissew, maallaqa keenna akkasii kan kennu waajjira muummee baankiiwwaniit jedhan.

Bulchiinsi mootummaa naannoo Harariimmoo gama isaan torbaan darbe fuula miidiyaa hawwaasaa kan Komuunikeeshinii naannichaa irratti akka ifoomsetti baankonni kunneen kan cufaman gamoowwan ijaarsi isaanii hin xumuramne keessatti hojii hojjechaa waan jiraniifidha jedhee sababa misooma Koriidariif maallaqa kennuu didanii cufaman kan jedhu sobadhas jedheera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG