Koomishiniin Marii Biyyaalessaa, naannoo Oromiyaarraa hojii ajandaa gurguddoo walitti qabachuu xumuree jira. Piroofeeser Mesfin Aar’aayaa Koomishineriin Koomishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa, hojii ajandaa walitti qabuu kanarratti namootni kuma torba ol irratti hirmaachuu eeran. Hirmaattonni kunneenis, dhimmoota Afaanii, kan Alaabaa, daangaa oromiyaa ilaalltan akka galtee ajandaatti dhiyeessuu eeran. Koomishiin Marii Biyyaalessaa marii kanarratti qaamotni, hawaasaa hedduun irratti hirmaachuu kan eere yoo tahu, paartile siyaasaa naannoo Oromiyaa keessaa KFO dabalatee, irraa of qusachuun hanqina ta’uu ibse. KFO’n marii kanarratti waan hin hirmaanneef dabalataan ibsee jira.
Forum