Komishinni kun ibsa har'a Mudde 27 baaseen, "xalayaa sarbama hamaa dhaabbileen kun raawwatan bal'inaan hin ibsineen dhaabbileen waldaalee siivikii 3 kanneen mirga namoomaa irratti hojjetan hojii irraa dhorkamuun isaanii dhimma yaaddessaadha" jedheera.
Dhaabbilee hawaasa siiviliii irra deddeebiin uggurri kaa’amuun iddoo lammummaaf jiru dhiphisuun mirga waldaa keessatti gurmaa’uu irratti dhiibbaa hamaa geessisuu akka danda’us komishinichi ibseera.
Kanaaf Abbaan Taayitaa Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Itiyoophiyaa jaarmiyaaleen hojii isaanii addaan cite kun, hojii isaaniitti akka deebi’aniif haala akka mijeessuuf waamicha dhiyeessee jira.
Dhaabbilee kan mootummaa hin ta’iin sadan dhorkaman keessaa tokko kan ta’e Kaawunsilii Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa “kaayyoo hundeeffameef ala sochii siyaasaa keessatti hirmaachuu”isa jedhuun aanga’oonni hojii irraa akka isaan dhorkan ykn ittisan ibsee jira.
Dhaabbilee sadan jechuun Giddu gallii guddiina Mirgaa fi Dimookraasii akkasumas Ogeessonni seeraa mirga namoomaaf jedhamuu fi walaitti qabama mirga namoomaa Itioyoopiyaa keessaa kan jedhaman fi mirga namoomaa ilaalchisee hojjatan kana Abbaan aangoo dhaabbatoota hawaasa sivilii sadaasa bara 2017 hojii irraa dhaabee akka ture ni yaadatama.
Waajirri abbaa taayitaa Muddee 2 bara 2017 xalayaa barreesseen jaarmayonni hawaasa sivilii sadeen irra ugguura kaa’ee kaasee kan ture ta’uus, Muddee 7 bara 2017 irra deebiin xalayaa barreesseen dhaabilee sadeen keessaa lama jechuun Giddu gallii guddiina Mirgaa fi Dimookraasii akkasumas Ogeessonni seeraa mirga namoomaaf jedhaman sochii kamiin iyyu irraa yeroo lammataaf ugguree jira.
Forum